Yakobooni waan Simeonifi Lawiini jed'e, Ya gaargala natiini d'uftani; amma tana maqa kiyya ya gosa Kanaanitiifi gosa Perizitiifi nama ch'ufa ka lafa tana keesa jiruti ajeesitani. Nami kiyya diqa; yo worri kuni ch'ufti kalchaani na had'e, worra keenna ch'ufa imballeesani.
Jennaani Saraiini waan Abramuuni jette, Wollaala keetifi Hajiriini ch'eera na d'abde. Anumati isi sii kenne, ammo isiini haga garaacha ufirati garte ya ch'eera na d'abde. AABBO Waaqi anaafi si nama fulla injirre ha laalu.
AABBO Waaqi maanifi lafa suniti nu geesa? Achiti hegeri lola keesati nu ijeesani, nad'eenifi ijoolle teenna boojiani. Yo lafa Misiriti deebine ira nu jirtiniti?
worri kunini nami tokoleeni ka iraa hafe lafa tana seenu injiru. Worri guddinna kiyya ka bibiliqufi akheekha waan mama ka anini lafa Misiritiifi lafa aloo keesati tolche ya arge. Ammo worri maro heddu na ilaalate na ch'aqasu dide.