Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Bahisa 40:13 - KITAABA WAAQA

13 Haruni woya qaallu iti kayi muudi, akaani isa eebisi, aka inni qaallu tahe naa hojatu.

Gade chapit la Kopi




Bahisa 40:13
13 Referans Kwoze  

Woya tana Harunifi ilmaani isaati naqi, muudi, eebisi qulqulleesi, aka worri qaalole tahe naa hojatu.


Yayu muudani; haga Lubbuuni suni isani woliini jirtu, nama isani barsiisu imfeetani. Lubbuuni waan ch'ufa isani barsiifti, wonti isiini isani barsiiftu waan d'ugaati, d'araaniti. Barsiisa Lubbu ch'aqasa, Kristo keesa taa.


Lubbu Qulqullooni ya isani muudani, tanaafi isaniini ch'ufti d'uga beetani.


Nama Ilma Waaqa tuffatu, ka d'iiga wold'aqisa Waaqa ka isa qulqulleese bilaasha sehu, ka Lubbu eebaa arabsu, maal tolchani re? Gaargala isaa, aka inni hama, me herega!


Maro Yeso Kristoni waan Waaqi, Tolchi jed'eeni ch'ufa tolcheefi, sorioni nafa isaa yayu maro tokotu daba ch'ufa nura d'it'e.


Maro worraatiifi anini ufi qulqulleesa, aka worri d'ugaani qulqullau.


Nami Waaqi erge suni dubbuma Waaqa ch'alla dubbata, waan Waaqi Lubbu ufi ch'ufa isaa kennuufi.


AABBO Waaqi guddaani yayu lubbu isaatini na guute. Inni yayu na muude na erge, aka anini odu dansa hiyyeeyiti odeese, nama guddo garaani laalala qabu fayyise, nama hid'aansa keesa jiru ha hiikhaani jed'e, nama hid'anile hiikha.


Ilmaani isaaleeni kooti, ubaara iti naqi,


Guyya worra muudani suni, AABBO Waaqi worra Israelitini, waan suni worraa kenna jed'e. Tunini aada worri Israeli haga jiru jireenna guutu male.


Ammalle ilmaani Harunile duraani d'ufe ubaara iti naqe, gurda hid'eefi, kofia iti naqe, akuma AABBO Waaqi jed'eeni kaani.


Duuba d'ad'a fuud'i, mata isaa muudi.


Wonti kunini qooda sagale sorio gubani keesaa fuud'ani gaafa Harunifi ilmaani isaa eebisani qaallu AABBO Waaqa tolchani kennaniifi.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite