1 AABBO waaqi waan musani jed'e,
Musani huji tana ch'ufa ilaale, aka worri akuma AABBO Waaqi jed'e kaani tolche arge eebiseefi.
Guyya qara ka jia qara waaro woyyuma ta AABBO Waaqaa old'aabi.
Waaro Woyyuma, Sanduqa Wold'aqisatiifi qadaada isaa, miha Waaro suni ch'ufa,
Nami harki wo tolchu beekhu, ka isani keesa jiru ch'ufti, koota waan AABBO Waaqi jed'e kana tolcha mid'aasa:
Akanaani hujiini Waaro Woyyuma ch'ufa hobaasani. Worri Israeli akuma AABBO Waaqi Musani jed'e gula waan ch'ufa mid'aase.
Duuba worri guyya qara, ka jia qara, ganna lameeso ka worri lafa Misiri keesaa bahe keesa, Waaro Woyyuma ta AABBO Waaqaa old'aabe.
Gaafasi Waaro Woyyuma, ta Musani lafa gamooji ta aloo keesati mid'aaseefi wonti mesa fakaata, ka sorio irati baasani, fulla Waaqa iti kad'atani ta Gibea jirti;