5 Jennaani AABBO Waaqi dumansa keesa gadi bue Musa woliini dubbate, Anini AABBO Waaqa jed'e, maqa isaa qulqullicha himate.
Duuba AABBO Waaqi waan jed'eeni, Anini dansuma tiyya ch'ufa si garsiise si durati maqa kiyya qulqullo d'aa. Anini AABBO Waaqa, nama anini fed'u naheefi eebisa.
Jennaani AABBO Waaqi dumansa keesa gabue isaani dubbate, jabeenna lubbu qara isaa kenne haga toko iraa fuud'e, jaarole torbatama taani qoode. Lubbuuni ira bute jennaani worri haga gababa toko aka raaga iyye.
Yo Musani Waaro olseenu, baldooni dumansaa gabuute balbala Waaro suni d'ossite. Duuba AABBO Waaqi dumansa suni keesa Musani dubbate.
Duuba anini gabue, artiti siini dubbad'a, ammalle jabeenna lubbuu ka qara si kennele haga gari siraa fuud'e worraa kenna. Akanaani worri si qarqaare, baani worraa siti sablate, wahela argatta.
Ee Yerusalemu, jara si mohatufi worri si keesa tauleeni worra Sodomafi Gomora fakaata. Dubbi AABBO Waaqaa ch'aqasa, waan Waaqi isani barsiisu d'agaya.
AABBO Waaqi doofi jabdu nami d'ugaa d'eete iti bahu fakaata.
Duuba akasiini maqa isaa Sioni keesati odeesani, gaafa lafafi gochiti ch'ufti wolti baate AABBO Waaqa kad'atu, Yerusalemu keesati isaa faarsani.
Anini maqa AABBO Waaqa faarse, gumiini isaaleeni guddinna isaa odeesiti.
Aari gaara suni duuche, wonti akanatiifi AABBO Waaqi ibida keesa gaara suniti d'ufe, aari sunini aka aara boola faara iti gubani olbahe; jennaani gaari sunini aka jaba chochoe.
Tanaafi anini amma, AABBO Waaqa si kad'ad'a irre tante nu agarsiisi, waan atini nu kakhatte guuti. Atini duri waan jette,
Ammalle AABBO Waaqi waan Musani jed'e, Anini baldo dumansaa keesa siti d'ufa, aka biyyiti aka anini siini dubbad'u d'ageete haga jiru jireennale si d'ugeefattu. Musani dubbi worra suni AABBO Waaqaati hime
Aka dansaa ch'aqasa, waan isiini jette ch'ufa guuta. Isi jala indidina, wonti akanatiifi anati isi erge, isiini nama isi didu tokole inaraaramtuufi.
AABBO Waaqi baaldo dumansa keesa gabue, balbala Waaro Woyyuma keesa eje, Harunifi Miriamu yaame. Jennaani worri lachu isa dura d'ufe,
Jennaani Samuelini waan ch'ufa tokole inhambimne iti hime. Elini waan jed'e, Inni AABBO Waaqa, waan fed'u ch'ufa ha tolchu.