Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Bahisa 34:13 - KITAABA WAAQA

13 Ammalle fulla worri sorio iti qalu balleesi, waan worri arti old'ad'aabufi akheekha waaqa worraa ka Ashera jed'ani ch'a ch'absi balleesi.

Gade chapit la Kopi




Bahisa 34:13
25 Referans Kwoze  

Inni fulla Waaqa d'ara iti kad'atani ta gaareeni balleese, d'akhaye old'ad'aabani ch'ach'abse, akheekha waaqa Asherale ch'ach'abse. Inni ammalle bofa Musani sibiila diimani mid'aase, ka Nehushtani jed'ani, ch'ach'abse. Worri Israeli duri bofa suni hit'aana aarsefi guddise, haga guyya ch'ach'absani suni.


Waaqoota worraa durati jilbifattani inkad'atiina, ammalle aada worrale gula iyyaiina. Waaqoota worraa ka old'aabani sule ch'ach'absa balleesa.


Hojja fulla AABBO Waaqa iti kad'attani mid'aafattani, akheekha mukha ka waaqa Ashera jed'ani bira ind'aabiina.


Duuba waan isani taatani, fulla worra ta woyyu ch'ufa balleesa, d'akha woyyu ka worri old'ad'aabe ch'ufa ch'ach'absa, akheekha waaqa worra ka Asheri jed'ani ch'iraa balleesa, waan worri boch'e aka waaqa yaamatu ch'ufa gubba balleesa.


Eegi jilti sunini ch'ufti dabarte, worri Israeli ch'ufti dira Yuda ch'ufa d'aqe d'akhaaye old'ad'aabani ch'ach'abse, akheekha waaqa d'ara ka Ashera jed'ani ch'ire, fulla sorio iti qalanifi ta waaqa d'ara iti kad'atanile balleese. Akasuma lafa Yuda ch'ufafi ta Benjaminitifi ta Efraimutifi ta Manase keesati tolchani, kaani worra ufiti galani.


Hayyu Yosiani d'akha aka utuba old'ad'aabani kaani ch'ach'abse bulleese, akheekha waaqa Ashtorethi jed'ani kaani ch'ire duuba fulla akheekhi kunini qara jiru kaani lafele namaatiini guute.


Halkani suni AABBO Waaqi waan Gideonini jed'e, Korma abbeetitifi korma d'ibi, ka ganna torba, fuud'i, waan abbaani kanke waaqa Baali jed'ani sorio irati baasu ch'ach'absi. Akheekha waaqa Ashera jed'ani, ka d'aatu eju, ch'iri balleesi.


Isani wold'aqisa tokole nama lafa tana keesa tau woliini tolfachu himmalle, ammalle fulla worri sorio iti baasu chachabsu maltani. Ammo isani waan anini isaniini jed'e intolchine, garagaltani waan d'ibi tolchitani.


Waan sorio irati baasani, ka aka dansa mid'aasani, quqa kana irati Waaqaa jaari. Duuba korma lameeso fuud'i, ch'ufa gubi, Waaqaa baasi, akheekha Ashera ka atini ch'irte kaani qoraani tolchi.


AABBO Waaqi worra Israeli d'ae worri aka ilaadu galaana keesati baatu daaqa. Inni worra lafa dansa ababoota isaaniti kenne tana keesaa fuud'e galaana Efrati gama suniti firfirsa, waan worri akheekha waaqa d'ara ka Ashera jed'ani mid'aafate isa dallansiisefi.


Inni waan Waaqa d'araati irati sorio baasani guure, d'akhaaye aka utuba d'ad'aabani ch'ach'abse, akheekha Waaqa Ashera jed'ani ch'ire balleese.


Hayyu Asani akko isaa, Maaka, waan isiini akheekha Waaqa hama Ashera jed'ani mid'aafatefi, guddinna hayyuma, ka isiini qabdu, iraa fuud'e. Inni akheekha suni ch'ach'abse, gargari ch'ire, laga Kidroni keesati gube.


Garaani isaa guddo gara AABBO Waaqa jira, tanaafi inni fulla Waaqa d'ara iti kad'atanifi akheekha Waaqa Ashera jed'ani ka Yuda keesa jirule lafa keesaa balleese.


Duuba biyyiti Mana AABBO, Waaqa ababoota isaani, lakifte, Waaqa harkaani mid'aasanifi akheekha Ashera jed'ani kad'atte. Maro wollaala worra kanatifi dallansuuni AABBO Waaqa worra Yudatifi ka Yerusalemu ira buute.


Kad'acha isaatiifi aka Waaqi kad'acha suni d'agayeefi ch'ubbu inni ato qara iraa indeebiini tolcheefi — waan hamtu inni tahe, ka inni fulla waaqa d'ara iti kad'atani jaare, akheekha Ashera mid'aase Waaqa d'ara ka inni kad'atele — waan kana ch'ufa kitaaba odu raagoota keesati t'aafaniti t'aafani.


Worri deebie waan sorio irati baasani, ka harka ufiitini mid'aasani, inabdatu, yokhaani waan ufiini mid'aasani inheregatani — akheekha waaqa Ashera jed'anitifi waan hit'aana irati aarsani.


Ammo hojaani Israeli daba araaramani, hojja d'akha sorio waaqa d'araati irati baasani ch'ach'absani daara tolchani. Ammalle waan hit'aani irati aarsanifi akheekha waaqa Ashera jed'ani balleesani ch'alla.


Worri keesani fulla sorio waaqa Ashera jed'ani iti qalanifi fulla akheekha isaa old'aabani, ka mukeeni gugurdofi kubileefi.


Anini akheekha waaqa Ashera jed'ani, ka lafa teesani keesa jiru, ch'ach'abse dira keesani balleesa.


nama lafa suni keesa jiru ch'ufa keesaa gussuu maltani. Waan worri kad'atu ka d'akhaafi Sibiilani mid'aasanifi fulla worri iti kad'atu ch'ufale balleesa.


D'akha woyyuma olind'aad'abiina, AABBO Waaqii waan suni guddo jibba.


Duuba akanaani utuba qulqulloofi mana Baali suni balleesani, fulla iti udaanifi ta iti finch'aani tolchani, haga arrale akasuma.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite