8 Hojja Musani gara Waaro d'aqu ch'ufa biyyiti waaro ufii dura ejaanjite Musaa ilaalte, haga inni arti olseenuti.
Jennaani worri waaro, Koratifi ta Dathanitifi ta Abiramu biraa fagaate. Dathanifi Abiramuni waaro ufi keesaa gabahani, balbala dura nad'eenifi ilmaani worra woliini ejaanjani.
Hojja worri Israeli qubate ch'ufa Musani Waaro Woyyuma fuud'e olla hanqise jaare. Waaro suni Waaro Woyyuma ta AABBO Waaqaa jed'aniini. Duuba nami AABBO Waaqa wo gaafachu fed'e ch'ufti achi d'aqe.
Yo Musani Waaro olseenu, baldooni dumansaa gabuute balbala Waaro suni d'ossite. Duuba AABBO Waaqi dumansa suni keesa Musani dubbate.