Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Bahisa 32:13 - KITAABA WAAQA

13 Hojattu tante Abrahamufi Isaaqofi Yakobo qaabad'i, ammalle kakhu atini worrati kakhatte, ta atini, D'aloota keesani heddeese aka urji garaa waaqaa tolcha jette, ka ammalle atini d'aloota suni ch'ufa kakhatteefi lafa haga jiru jireenna isanii kenna jette, qaabad'i.

Gade chapit la Kopi




Bahisa 32:13
23 Referans Kwoze  

Gaafa Waaqi Abrahamuti kakhate, inni aka waan qara jed'e guutu kakhate. Waan nami tokoleeni ka isa ira gudda injirreefi, inni gaafa kakhate maqa ufi d'ae.


AABBO Waaqi waan jed'u, Anini maqa kiyyaani kakhad'a, aka guddise sii eebisu, waan atini waan kana guutte gurba kanke na ind'owatiiniifi.


AABBO Waaqi Abramuti mullate waan jed'eeni, Lafti anini ilmaani teeti kennu kuno tana. Jennaani Abramuuni artiti fulla sorio iti qalani AABBO Waaqaa, ka qara isati mullate, jaare.


AABBO Waaqi isa alati baase waan jed'eeni, Me, gubbaa ilaali, yo dandeete urji tana ch'ufa hedi; ilmaani tante hagasi geeti.


Hojuma sunii achumati AABBO Waaqi Abramuuni wold'aqani waan jed'eeni, Anini lafa tana ch'ufa d'aloota keeti kenna, galaana Misiriti asi haga galaana gudda ka Frati jed'ani,


Ammo AABBO Waaqi isani jaalate kakhu inni ababoota teesani kakhate guute. Tanaafi inni jabeenna isaa guddaani isani baase, harka Farao, hayyu Misiri, ka isani tisse isaa taatani keesaa isani baase.


anini wold'aqisa kiyya ka anini duri Yakobofi Isaaqofi Abrahamu woliini tolfad'e jed'e lafa sunile qaabad'a.


Malaikaani ta gaargala ch'ufa keesaa na baafte isi eebisinna! Maqa kiyyafi ka abbooti tiyya Abrahamufi Isaaqoleeni ijoolle tanaani imbadiini! Isiini ha daraarte ijoolle heddu d'altuti!


Jennaani AABBO Waaqi waan jed'eeni, Anini AABBO Waaqa, ka lafa Uru ta Kaldayo keesaa si baase lafa tana sii kenne.


Hojattu tante Abrahamufi, Isaaqofi Yakobo qaabad'u: mata jabeennaafi hameennaafi ch'ubbu worra kana ilaalte gula indeemini.


Anini ilmaani guddo sii kenna, ta gosa guddo taatu. Anini si eebise maqa dansa sii kenna, aka maqa kanketiini namaa eebisani.


Lafa amma atini iti keessuma tana anini sifi ilmaani teeti kenna. Lafti Kanaani ch'ufti ta ilmaani teeti taati haga jiru jireennale, anileeni Waaqa worraa taha.


AABBO Waaqi, Waaqi gubbaa, worra kiyyafi lafa fiit'a tiyya keesaa na baase, aka lafa tana anaafi d'aloota kiyyaa kennu kakhate. Inni malaika isaa si dura erga, aka atini niiti gurba kiyyaa agartu.


Gaafa AABBO Waaqi lafa gosa kanaani, ta Hiti, ta Amori, ta Hivi ammalle lafa Yebusi ta inni duri ababoota teesanii, Inkenna jed'e kakhate, lafa aananifi dammi aka lolaa yautiini isanii d'ufe, achiti aada tana jia kana jabeesa tolfad'a.


Yo AABBO Waaqi lafa Kanaani, ta inni isanifi abbooti teesani kenna jed'e kakhateeni isani d'ufe,


AABBO Waaqi waan Musani jed'e, Beena, armaa yaa, sifi worri kunini ka atini lafa Misiri keesaa d'ufteeni; gara lafa anini Abrahamufi Isaaqofi Yakobofi d'aloota worrati Inkenna jed'e kakhad'e d'aqa.


AABBO Waaqi keesani yayu isaani daraarse, aka urji gubaa isani heddeese.


Anini inkakhad'a, aka ilmaani heddu ta aka biyye tana, yokhaani ta haga urji Waaqa gubbaa geetu, sii kennu. Ilmaani tanteleeni nyaapa ufii dabsatte,


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite