Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Bahisa 32:11 - KITAABA WAAQA

11 Ammo Musani AABBO Waaqa isaa kad'ate waan jed'e, AABBO Waaqa atini maafi worra kanke ka atini lafa Misiri keesaa irre tante guddooni baafte akana iti dallanta?

Gade chapit la Kopi




Bahisa 32:11
23 Referans Kwoze  

Gaafa Waaqi gumi tiyya imballeesa jed'e, hojattuuni isa Musani, ka inni fohate, olkae Waaqa dura eje, dallansu Waaqaa ta sila worra suni balleesitu, ira d'owe.


Atini maanifi kara kanke iraa nu gorsita? Atini maafi garaa nu jabeesite, ufi sodaachu nu d'owarta? Hojatu tante, gosa atini duri fohate, jed'i gadeebii.


Ammo Musafi Harunini lafati gajejed'ani waan jed'ani, Ee Waaqa, ka lubbu nama ch'ufa harkaa qabdu, hojja nami toko ch'ubbu tolche atini gumi ch'ufati dallanta?


Jennaani waan AABBO Waaqaani jed'e, Atini maanifi waan hamtu kana na tolchita? Atini maanifi na dabsite, ulfinna worra kana ch'ufa nara keete, akana na tolchita?


Jennaani AABBO Waaqi waan Musani jed'e, Beeni gabui, wonti akanatiifi worri kanke ka atini lafa Misiri keesaa baafte ya ufi yake;


Ammo Musani waan AABBO Waaqaani jed'e, Atini irre teetiini worra kana lafa Misiri keesa baafte. Hojja worri Misiri waan atini gumi tante tolchite d'agaye,


Anini waan Saulo hayyu tolcheefi guddo gaabe. Inni naraa gore naa saalfachu dide. Samuelini dubbi suni ira guddo laalefate halkani suni ch'ufa AABBO Waaqati boha bule.


Worri worruma keeti, ka atini fulla boola ibida ta lafa Misiri keesaa baafte.


AABBO, worri sunini hojattufi gumi tanteeti, ta atini jabeennafi irre tante guddooni baafte.


Jennaani AABBO Waaqi waan nani jed'e, Ato Musafi Samuelileeni arma ejaanjani na kad'atinile, anini worra kanaa inahu. Gumi tana fuula kiyya duraa fageesi, ha yaatuti.


Ee AABBO Waaqa, worra atini gaargalchite kana laali! Nad'eeni ilmaani ufi ta d'alte fooni nyaachu ya malte? Qaaloleefi raagootale Mana Waaqa keesati ya fit'u malani?


Ammo aka gurra kiyya imballeesine worra balleesu dide; wonti akanatiifi anini qara worra worri woliini tau durati, lafa Misiri keesaa isani baasa worraani jed'e.


Qaaloleeni ta fulla sorio iti baasanifi balbala Mana AABBO Waaqaa jiddu hojattu ha, Ee AABBO Waaqa, gumi tanteeti nahi, jette bootuti. Gochiti d'ibiini nu tufatte nu goyeesite, Waaqi keesani me? nuuni injed'iini.


Abrahamuuni ammalle waan jed'eeni, AABBO Waaqa, dubbi anini si gaafad'u tana naa araarami; wonti akasitiifi anini nama, waan tokole siini jechu himmalle.


Duuba waan worra Israelitini jettu, Anini AABBO Waaqa; anini huji hamtu gosa Misirii keesaa isani fuud'e, tissooma worrale keesaa isani baase, harka kiyya d'eerefad'e worra suni balleese isani baasa.


Jennaani Faraoni Musafi Haruni yaame waan jed'eeni, AABBO Waaqa kad'ad'a aka inni raacha kana naafi lafa tiyyale iraa balleesu. Anileeni worra keesani galakisa, aka d'aqani sorio Waaqaa baasani.


Duuba biyyiti Musati d'ufte waan jette, gaafa nu siifi AABBO Waaqati gungumne guddo ch'ubbu tolchine. Amma AABBO Waaqa nu kad'ad'u, aka inni bofa kana nuraa balleesu. Duuba Musani Waaqa biyya kad'ate.


Waan inni ilma inqamneefi maqa isaa Israeli keesa balleesani? Oboleyaani aabboo woliini qooda lafa ka nu d'aalu nu kenna!


Ee Aabbo Waaqa keenna, atini jabeenna keetiini gumi tante lafa Misiri keesaa baafte, jabeenna kanke suni arrale inuma qaabatani. Nu yayu ch'ubbameni waan hamtu taane.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite