Gaafa Waaqi gumi tiyya imballeesa jed'e, hojattuuni isa Musani, ka inni fohate, olkae Waaqa dura eje, dallansu Waaqaa ta sila worra suni balleesitu, ira d'owe.
Jennaani waan AABBO Waaqaani jed'e, Atini maanifi waan hamtu kana na tolchita? Atini maanifi na dabsite, ulfinna worra kana ch'ufa nara keete, akana na tolchita?
Ee AABBO Waaqa, worra atini gaargalchite kana laali! Nad'eeni ilmaani ufi ta d'alte fooni nyaachu ya malte? Qaaloleefi raagootale Mana Waaqa keesati ya fit'u malani?