Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Bahisa 30:25 - KITAABA WAAQA

25 duuba waan kana ch'ufa d'ad'a qulqullo muudaa, ka aka qayya wolti makhani, mid'aasi.

Gade chapit la Kopi




Bahisa 30:25
18 Referans Kwoze  

Inni ammalle d'ad'a muuda qulqulloofi hit'aana urgaa aarsani, ka aka qayya wolti makhani mid'aase.


Ammo nami waan sagaleeni mieesani suni wolti daru qaalole ch'alla.


Duuba Waarofi miha isiile eebisi, d'ad'a qulqullooni muudi, aka isiini qulqullo taatu.


Wonti sunini d'ad'a gati gudda qabu, ka Harunini muudani, ka matafi areeda isaa iraa yae morma ubaara isaati jigu fakaati.


Anini hojattu tiyya Daudi yayu d'ad'a qulqullooni muude hayyu tolche.


Atini d'uga jaalatte d'ara jibbita. Maro waan kanatifi Waaqi, Waaqi kanke, si fohate, gammada guddinna ka wahela keti ira jiru, sii kenne.


Gumiini ha nama nama ijeese suni harka miilo aanti nama ijeesani suni keesaa baafte dira iti baqatani, ka inni iti baqate suniti deebiftuti. Inni haga namichi gaafasi qaallicha gudda sunini duuti, ha achuma tauti.


Duuba d'ad'a fuud'i, mata isaa muudi.


D'iiga waan mesa fakaata kaani gubba jiru, d'ad'a muudaa woliini fuud'i, Harunifi ilmaani isaa nafafi woya worraleeti fifit'i. Akanaani isaafi ilmaani isaatiifi woya worrale qulqulleesani.


ammalle waan urgooftu d'ibile ka kilo jaa (ta ch'ufa aka qaalluuni mure gula baasani) fuud'i. Dulo afuri ta d'ad'a iti dari,


Qaallu male nama d'ibiini imuudiina, ammalle kara d'ad'a kanaani mattani deebitani d'ad'a d'ibi imakhiina. Wonti akanatiifi inni qulqullo, tanaafi isanileeni aka waan qulqullo heregu maltani.


Waan kana ch'ufa fuud'i, waan urgooftu aka qayya makhani mid'aasi. Sooda iti dari, ka qulqulleese qulqullo tolchu.


waan hit'aana irati aarsanifi kalcho isaa; d'ad'a muudatiifi hit'aana urgaafi golla balbala Waaro Woyyuma mid'aasa;


Harunifi ilmaani isaa fulla balbala Waaro Woyyuma geesi, woya qaallutifi d'ad'a namaani muudanifi jibicha korma ka qalani dabaani nama iraa baasanifi elemiye lamafi ammalle dadu qit'a bukho inqamne kootiini.


Jennaani Musani d'ad'a muuda suni fuud'e, Waaro Woyyumatiifi waan kana ch'ufa AABBO durati eebise.


Akuma tiiteeni takachi due dulo d'ad'a qayya seene ajeesu, akasuma daallumti diqooni waan qaroomi guddaani tolche balleesiti; nami qarooni wo mid'aasa, ammo daalleeni wo yaka.


Woya tana Harunifi ilmaani isaati naqi, muudi, eebisi qulqulleesi, aka worri qaalole tahe naa hojatu.


Achiti Sadokini d'ad'a buuda keesa jiru, ka inni Waaro Woyyuma keesa d'ufeenini muude. Jennaani magalata d'aani, nami ch'ufti, lubbuuni hayyu Solomoni ha d'eeratu jed'e lalabe,


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite