Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Bahisa 3:14 - KITAABA WAAQA

14 Waaqi waan jed'eeni, ANINI ANUMA. Wonti atini gosa Israelitini jettu tana: ka ANUMA jed'aniti gara keesani na erge.

Gade chapit la Kopi




Bahisa 3:14
21 Referans Kwoze  

Yeso Kristoni sunuma, ka kale, ka arra, ka haga jiru jireenna.


Yesoni waan jed'eeni, D'uguma, waan anini isaniini jed'u, Ato Abrahamu ind'alatiini, anini injira.


Aabbo Waaqi guddaani waan jed'u, Anini Alfafi Omega, ka amma jiruufi ka durile jiru ammalle ka duranale jiru.


Ato gaareenifi lafale inuumiini, atini Waaquma, ammalle haga jiru jireennale Waaqa.


AABBO Waaqi, ka worra Israeli fide qorqoratu, AABBO Waaqi guddaani waan jed'u, Anini ka qarati, ammalle ke eegeti, ana male waaqi d'ibiini tokoleeni injiru.


Anini Yohanani gara gumi torba ta lafa Asia keesa jirtu waan kana t'aafa: Waaqi ka amma jiruufi ka durile jiru, ammalle ka hegerile jiruufi lubbu torbaani ta barch'uma isaa dura teteetufi


Isa arginaani anini miila isati jige, akuma waan due tahe. Ammo inni harka mirgicha nara kaye waan naani jed'e, Insodaatiini! Anini ka qaratiifi ka eegeeti.


Anini Abrahamufi Isaaqofi Yakobo aka Waaqa Gudda, waan ch'ufaa, iti mullad'e, ammo maqa kiyya qulqullo AABBO Waaqatini ufi imbeesimne.


Wonti lubbu qaba suni ch'ufti koola jaa qabdi alaafi keesale ila qabdi halkani guyya sirba illakiftu. Qulqullo, qulqullo, qulqullo, Aabbo Waaqa gudda, ka duri jiru, ka ammalle jiru, ka hegerile jiru jette sirbite.


wonti akanatiifi waan Waaqi kakhate ch'ufa inni ee jed'a. Maro waan kanatifi maro Yeso Kristotiifi nu Amini jenne Waaqa guddimna.


Tanaafi Yesoni waan jed'e, Eegi Ilma Nama fanniftani, gaafasi beetani aka ani d'uguma Isuma; ammalle aka anini ufumaani wo intolchine, ammo waan Abbaani na barsiise ch'alla dubbad'u beetani.


waan anini isani barsiise ch'ufa guuta worraani jed'a. Beekha, haga guyya muummele anini isani woliini jira.


Waaqaa sirba, maqa isa faarsa; ka dumansa yaabatu kara mid'aasaafi. Maqaani isa AABBO Waaqa — isa durati qilit'ama!


Yo nami lamaa sadi wolwoldae maqa kiyyaani kad'atu, anini jiddu worra jira.


Waan Waaqa ka d'ossani, dandeete keesa imbeeta? Atini dandeete guddinnaafi jabeenna Waaqaa muumme inhubata?


Wonti anini, Isaniini daba keesani keesati dootani jed'eefi tana. Ammalle isani daba keesani keesati inuma dootani, yo aka anini d'uguma Isuma d'ugefachu diddani.


Jennaani Musani waan Waaqaani jed'e, Yo anini gara gosa Israeli d'aqe, Waaqi abba keesaniti isaniti na erge jed'eeni, worri na gaafate, Maqaani isaa eenu? naani jed'e, anini duuba eenu jed'aani?


Waaqi waan Musani jed'e, Anini AABBO Waaqa.


Aka dansaa ch'aqasa, waan isiini jette ch'ufa guuta. Isi jala indidina, wonti akanatiifi anati isi erge, isiini nama isi didu tokole inaraaramtuufi.


AABBO Waaqi abba duulaati; maqaani isaa AABBO Waaqa.


Anini AABBO, maqaani kiyya sunuma! Anini guddinna kiyya waaqa d'ibii inkennu. Faaru nani faarsani waaqoota d'araatiini infaarsani.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite