Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Bahisa 29:7 - KITAABA WAAQA

7 Duuba d'ad'a fuud'i, mata isaa muudi.

Gade chapit la Kopi




Bahisa 29:7
15 Referans Kwoze  

Gumiini ha nama nama ijeese suni harka miilo aanti nama ijeesani suni keesaa baafte dira iti baqatani, ka inni iti baqate suniti deebiftuti. Inni haga namichi gaafasi qaallicha gudda sunini duuti, ha achuma tauti.


Qaalliicha gudda yayu d'ad'ani muudani eebisani woya qaallu iti naqani, tanaafi inni rifeensa isaa gindeese, yokhaani woya ufi tatarsaase nama due bohu himmalle.


Nami Waaqi erge suni dubbuma Waaqa ch'alla dubbata, waan Waaqi Lubbu ufi ch'ufa isaa kennuufi.


AABBO Waaqi guddaani yayu lubbu isaatini na guute. Inni yayu na muude na erge, aka anini odu dansa hiyyeeyiti odeese, nama guddo garaani laalala qabu fayyise, nama hid'aansa keesa jiru ha hiikhaani jed'e, nama hid'anile hiikha.


Wonti sunini d'ad'a gati gudda qabu, ka Harunini muudani, ka matafi areeda isaa iraa yae morma ubaara isaati jigu fakaati.


Anini hojattu tiyya Daudi yayu d'ad'a qulqullooni muude hayyu tolche.


Waaro Woyyuma keesaa imbahina yo keesaa baatani indootani; wonti akanatiifi isani ya d'ad'a AABBO Waaqatini muudani. Duuba worri waan Musani jed'eeni ch'ufa guute.


Woya tana Harunifi ilmaani isaati naqi, muudi, eebisi qulqulleesi, aka worri qaalole tahe naa hojatu.


Yayu muudani; haga Lubbuuni suni isani woliini jirtu, nama isani barsiisu imfeetani. Lubbuuni waan ch'ufa isani barsiifti, wonti isiini isani barsiiftu waan d'ugaati, d'araaniti. Barsiisa Lubbu ch'aqasa, Kristo keesa taa.


ammalle inni fulla qulqullo Waaqa isaa keesa bahe int'ureesini; wonti akanatiifi isa yayu d'ad'ani muudani Waaqa durati eebisani. Anini AABBO Waaqa.


Jennaani isiini waan jette, Jari kuni lamaani worra Waaqi, abba lafa ch'ufaa, fohate muude aka worri huji isaa hojatu.)


Haruni woya qaallu iti kayi muudi, akaani isa eebisi, aka inni qaallu tahe naa hojatu.


Wonti kunini qooda sagale sorio gubani keesaa fuud'ani gaafa Harunifi ilmaani isaa eebisani qaallu AABBO Waaqa tolchani kennaniifi.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite