Gumiini ha nama nama ijeese suni harka miilo aanti nama ijeesani suni keesaa baafte dira iti baqatani, ka inni iti baqate suniti deebiftuti. Inni haga namichi gaafasi qaallicha gudda sunini duuti, ha achuma tauti.
AABBO Waaqi guddaani yayu lubbu isaatini na guute. Inni yayu na muude na erge, aka anini odu dansa hiyyeeyiti odeese, nama guddo garaani laalala qabu fayyise, nama hid'aansa keesa jiru ha hiikhaani jed'e, nama hid'anile hiikha.