3 Dadu keesa kayi, natiini kooti, jibichaafi elemiye lamaani taani woliini.
Inni ha elemo suni ka sorio wold'ageeti AABBO Waaqaa baasuti, dadu qit'a taani woliini; ammalle inni ha mid'aanifi daad'i ta baasuu malani baasuti.
Musani waan Harunifi ilmaani isaatini jed'e, Fooni fuud'a, fulla balbala Waaro Woyyumati d'aaba, artumati qit'a dadu waan Waaqaa baasani ka qaaloleeni eebisani iti naqani keesaa fud'ad'a fooniini woliini nyaad'a, akuma AABBO Waaqi jed'e.
Jennaani inni qit'a toko dadu qit'a bukho inqamne ka AABBO Waaqaa baasani keesaa fuud'e, ammalle qit'a toko ka d'ad'ani d'aabanifi waan aka buddeena tokole fuud'e, gabbinnafi miila lukha mirgicha kaani gubba kaye.
Harunifi ilmaani isaa fulla balbala Waaro Woyyuma geesi, woya qaallutifi d'ad'a namaani muudanifi jibicha korma ka qalani dabaani nama iraa baasanifi elemiye lamafi ammalle dadu qit'a bukho inqamne kootiini.
Dargaye dargaye ch'ufa ira dansa ta daakhani fuud'i, ammo bukho iti innaqiini, qit'a d'ad'aani jissanifi keki d'ad'a ifsaani d'aabi.
Ammalle Harunifi ilmaani isaa fulla balbala Waaro Woyyumatiini kooti, bisaani d'iqiifi.