Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Bahisa 28:2 - KITAABA WAAQA

2 Woya qulqullo oboleesa kanke Haruni hod'i, ta mid'aagumafi guddinna kennituufi.

Gade chapit la Kopi




Bahisa 28:2
36 Referans Kwoze  

Jennaani Musani d'ad'a muudatiifi d'iiga waan mesa fakaata gubba jiru fuud'e, Harunifi ilmaani isaatiifi woya worraleeti fifit'e, kara kanaani inni worraafi woya worrale AABBO Waaqa durati eebise.


woya mimid'aadu Harunifi ilmaani isaa hojja huji qaallu hojattu keeyatanifi


Ya ee jed'ani aka woya boofta adi d'aati keyattu. (Booftaani suni huji d'uga ta worra Waaqa.)


Yesoni duuba Qaallu Gudda, ka fed'i teenna ch'ufa nuu guutu! Inni qulqullo, wollaalafi daba tokole inqabu; isa ya worra ch'ubbutiini gargari basaani, gubbati olgeesani.


Yo akasi taate, guddinnaafi ulfinna kanke sunini olkai; guddinnaafi ulfinna kanke suni uyifad'i.


Ubaarafi gurdafi kofiale ilmaani Haruniti mid'aasi, ta mid'aagumafi guddinna kennituufi.


Atini ya hayyootafi qaalole worra tolchite, aka Waaqa kenna hojatani lafa fidani.


Jaallani tiyya, nu amma ijoolle Waaqati, ammo ammalle waan iti yaanu aka dansa imbeennu. Ammo waan kana imbeenna: Yo Kristoni mullate nu aka isaa taana waan nu aka inni jiru arginufi.


Gaafa Aabbo Waaqi ulfinnafi guddinna isaa kenne, nu achi jirra, gaafa qonqooni gara Guddinna gubbati gadi d'ufte. Kunini Ilma kiyya, ka anini jaalad'u, ka guddo naa gammachiisu jette.


Ammo Yeso ingarra! Haga diqa toko malaika ira diqeesani, aka inni eeba Waaqa gula maro nama ch'ufatiifi duu. Maro duisa inni due suniifi, ammatana boku guddinna ka hayyuma isaa kennani.


Isaniini ch'ufti ka Kristo keesati batisani ya Kristo aka woya uyifattani.


Ammo miha lola ka Aabbo Yeso Kristo keyad'a, adaba keesani ka daba, ka d'araa nafa keesani quufsu lakisa.


Waaqi maro Yeso Kristo d'ugefataniifi nama ch'ufa d'uga heregaafi. Waaqi nama Kristo d'ugefate ch'ufa waan kana intolcha woldabraani injirtu:


Dubbini nama taate, jiddu teenna teete, nu guddinna isaa agarre, akuma guddinna Ilma tokocha ka gara Abbati bahe, ka eebafi d'ugaani guutame.


Nu ch'ufti nama dabaati, hujiini teenna dansaleeni ch'arqi t'uriti fakaati. Maro daba keennatifi nu baala mukha ka qanch'oorate, qilleensi fud'ate, fakaanna.


Anini AABBO Waaqa keesa gammade, waan Waaqi kiyya wo naa tolcheefi qilit'ama. Inni yayu woya baafama nati uyise, ubaara d'uga naa kaaye, akuma worri wolfuud'u faaya dadansa naqate ufi mid'aasu.


nama Sioni keesati bohu jiru ch'ufa fulla laalala gammadafi qilit'ama kenne, fulla laalefacha faaru d'aachisu. Worri mukeeni AABBO Waaqi oobre fakaata. Worri ch'ufti waan dansa tolche, Waaqale waan inni tolcheefi faarsani.


Guyyaani ind'ufa, ka AABBO Waaqi dame lafa keesa jirtu ch'ufa guddise mid'aadu tolchu. Nami Israelii ch'ufti, ka hafe, mid'aani lafti sunini baaftu iraa gammade, kiyyibaani.


AABBO Waaqi gumi ufi iraa gammade, nama ufi inguddimniele nyaapa isaa dabsachiise ulfeesa.


Anini qaalole isiile ch'ufa waan worri tolchu ch'ufa keesati eebise, nami isiileeni sirbe gammada.


Qaaloleeni tante ha hojja ch'ufa waan dansa tolchituti; gumiini tanteeleni ha gammade qilit'amtuti!


Guddinnaafi ulfinni kama isaati, jabeennaafi mid'aagumti fulla inni tau jirti.


Haruni woya qaallu iti kayi muudi, akaani isa eebisi, aka inni qaallu tahe naa hojatu.


Ee Yerusalemu, lafaa kai, garaa jabaad'i! Ee dira qulqullo, woya mid'aadu keeyad'i! Worri Waaqa imbeenne, ka aada inqamne, deebie fullo teetiini oli inseenu.


Waan kana worri Israeli ha haga jiru ch'ufa Harunifi ilmaani isaati baasuti. Wonti akanatiifi isiini qooda sorio ta worri Israeli AABBO Waaqaa sorio wold'ageeti keesaa baasu.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite