15 Duuba Musani gaara olkore jennaani dumansi gaara suni duuche.
Ammalle AABBO Waaqi waan Musani jed'e, Anini baldo dumansaa keesa siti d'ufa, aka biyyiti aka anini siini dubbad'u d'ageete haga jiru jireennale si d'ugeefattu. Musani dubbi worra suni AABBO Waaqaati hime
Ato inni dubbatu, dumansi adiini toko worrati golle, qonqooni dumansa keesa waan jette, Kunini Ilma kiyya ka anini jaalad'u, ka na gammachiisu, dubbi isaa ch'aqasa jette.
Diirama guyya sadeeso baldooni dumansaa gaara ira mullatte, angaasu argani, mandisule d'agayani, ammalle magalata lalabani d'aani. Nami olla suni keesa jiru ch'ufti nahe hollate.
Jennaani Solomonini Waaqa kad'ate waan jed'e, Ee AABBO Waaqa, atini dumansaafi dukana fohate keesati galta.
Ifsaani bibiliqu ka aka AABBO Waaqi achi jiru garsiisu d'ufe gaara Sinai ira tae. Worra Israeliti ifsaani sunini aka ibida fiit'e gaara gubuu jiru fakaata. Duuba dumansi gaara suni guyya jaa duuche, guyya torbeeso AABBO Waaqi Musa dumansa keesaa yaame.
AABBO Waaqi fiit'e gaara Sinai gubbaa d'ufe Musa yaame, Musani iti olkore.