Eegad'a duuba, nama dubbatu ch'aqasu indidiina. Yo worri gaafa inni lafa keesati dubbate ch'aqasu dide imbaafamini, nuleeni dandeenne imbaafamnu, yo ka gubba nuti dubbatu ch'aqasu dinne.
Ammo yo anini tolche, yo na d'ugefachu baatanile, huji suni d'ugefad'a; aka isani aka dansa hubatani baratani, aka abbaani na keesa jiru, ka anileeni abba keesa jiru.
Gara malaika gumi Filadelfia waan kana t'aafi: Tunini dubbi nama qulqullotiifi ka d'uga, ka fura Daudi harkaa qabu, ka yo inni bane nami tokoleeni dandae inch'umne, yokhaani yo inni ch'ufe nami tokoleeni dandae imbanne.
Yo nami oboleesa ufii ka daba nama ijeesu tolchu arge, ha Waaqa kad'atuufi: aka Waaqi jireenna isaa keennu. Wonti kunini waan nama daba nama ijeesa intolchiini dubbatti. Ammo dabi nama ijeesu injira; anini, daba kana Waaqa kad'ad'a isaniini injed'u.
Ato inni dubbatu, dumansi adiini toko worrati golle, qonqooni dumansa keesa waan jette, Kunini Ilma kiyya ka anini jaalad'u, ka na gammachiisu, dubbi isaa ch'aqasa jette.
Daimi ya nuu d'alate! Ilma ya nuu kennani! Isati hayyu keenna taha. Maqaani isaani yaamani: Abba mala dansaa, Waaqa Guddaya, Abba jiru jireenna, Hayyu Nagaya.