Bineensa tokole ka ufiini due inyaatina, nama gosa d'ibi ka isani keesa godaanu kenna, ha nyaatuti, yokhaani nama d'ibi alalle iti gurgura. Ammo isani ka AABBO Waaqa keesaniti; gumi isaati. Ilmoole haad'a hootu na ind'aabiina.
Worri suni nama nad'eeniini ufi int'ureesiini, ka taka nad'eeni imfuud'iini. Fulla Ilmeeni Hoola deemtu ch'ufa gula deemani; ya nama lafa ch'ufa keesaa worra baasani, ammalle worri suni worra qara ka Waaqafi Ilme Hoolati baasani.
Ilma angafa ka nuu d'alatu ch'ufa Mana Waaqa geesine qaaloleetini d'umna, aada seera keesati t'aafani gula. Ammalle nu watiyefi ilmoole ree, ta qara d'alatu ch'ufa, Waaqaa baamna.
Qoodi lafaa, ka AABBO Waaqa oli kayani, qooda lafaa kaani ch'ufa ira dansa. Qooda kana tokole ingurgurani, yokhaani injijirani, yokhaani nama d'ibile indabarsani. Qoodi kunini qulqullo ammalle ka AABBO Waaqati.