Ammo wonti hubachu malani, seera nama dansaafi imid'aasine ammo worra akana tolchuufi mid'aasani — ka seera ch'absufi, ka wo yakufi ka Waaqa imbeenneefi ka daba tolchuufi worra aada Waaqa qulqullo gula iyaanefi worra abbaafi haad'a ufi ijeesufi ka nama fit'ufi
Ammo waan toko hubad'a: yo na ijeeftani, isanifi nami dira kana yayu nama woma iyyakini ijeeftani wollaala seentani; wonti akanatiifi nami na erge dubbi suni, worra kanati himi nani jed'e, AABBO Waaqa.
Ammo yo kormi suni qara nama nyaate abbaaleti himatani abbaani nama iraa d'owu dide, you inni eegi suni nyaate nama ijeese, isaafi abbaale ha ijeesani.