Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Bahisa 20:12 - KITAABA WAAQA

12 Abbeetiifi haateti saalfad'i, aka lafa AABBO Waaqi sii kenne keesati lubbuuni tante d'eerattu.

Gade chapit la Kopi




Bahisa 20:12
42 Referans Kwoze  

Ijoolle, waan ch'ufa keesa worra keesani saalfad'a; wonti akanatiifi Aabbooni akana fed'a.


Abbeetifi haateti saalfad'u, aka anini AABBO Waaqi, kanke sini jed'u, aka atini lafa AABBO Waaqi sii kenne tana keesa nagayaani teete, lubbuuni tetileeni d'eerattu.


Musani waan jed'e, Abbeetiifi haateti saalfad'u, nama abbaafi haad'aani dubbi hamtu jed'u ha ijeesani jed'e.


Nama abba ufi goyeese haad'a ufi gaafa isiini jaarte tufatu ha ruumichi fooni isaa nyaate, haranqasileeni ila keesa guuratuti.


Isani nami ch'ufti abbaafi haad'a teesani saalfachu maltani, ammalle Sabato tiyyale jabeesu maltani. Anini AABBO, Waaqa keesani.


Atini seera imbeeta, d'iirafi nad'eeni wolbarate garayu wolintolfatini inijeesiini; inhatiini; nama tokole d'araani inhimatiini abbeetiifi haateti saalfad'u.


abbeetiifi haateti saalfad'u oboleesa kanke aka ufi jaalatu jaalad'u.


Nama abbaafi haad'a ufi abaaru lubbuuni isaa akuma ifse dukana keesati d'aamfani d'aamti.


Nama abbaafi haad'a arabse ha ijeesani.


Atini seera imbeeta: inijeesiini; d'iirafi nad'eeni wolbarate garayu wolintolfatini inhatiini; d'ara ind'ugeesiini; nama insobini; abbeetiifi haateti saalfad'u.


Nama abbaafi haad'a d'aane ha ijeesani.


Dubbini tunini dubbi tabaatiiniti, waan jireenna keesaniti. Yo jabeesitani guuttani, lafa galaana Yordanitini gama ta isaani amma iti qubachu geetani tana keesati, guyyaani keesani d'eerata.


Qaroomi lubbu si d'eerese horifi ulfinnale sii kenna.


Elishani waan suni ch'ufa arge jennaani lalabe waan jed'e, Aabbo kiyya, aabbo kiyya, qarqaarsa jaba Israeli! Duuba hagi inni Eliya arge hagasuma. Laalalaani Elishani woya ufi fulla lamati gargari tarsaase,


Aadaafi seera isaa, ka anini arra isanii kenne kana ch'ufa d'ugeefad'a, duuba isanifi ilmaani teesanileeni nagayaani teetani. Ammalle isani lafa AABBO Waaqi keesani isani kennu tana haga jiru jireenna keesa teetani.


Waan biimitani ch'ufa d'uga gula biima aka lafa AABBO Waaqi keesani isanii kennu keesati guyyaani keesani d'eeratu.


AABBO Waaqi waan qaaloleeni jed'u, Ilmi abba ufiti saalfata, ammalle tisseleeni nama hojattufi saalfatti. Yo anini abba keesani taate, isani maafi naa insaalfanne? Yo anini gudda keesani taate, isani maafi na insodaanne? Isani na tufattani ammo, Nu akami si tufanne? jettani.


Nama gariti jira, ka abba ufi abaare haad'a ufiiti ineebimne.


Nami, Akani ch'ubbuniti jed'e abbaafi haad'a ufi iraa wo hatu wahela nama woyakuti.


Daalleeni gorsa abbaa tufati, ammo ka gorsa suni fud'atu beekha qaba.


Jennaani Bathshebani kaate gara hayyu d'at'e aka dubbi Adonia taani iti haasaftu. Hayyichi olkae, haad'a isaa durati gajed'e, nagaya fuud'e barch'uma ufi ira gadi tae, ammalle barch'uma d'ibi isii fuud'e isiini d'aatu isaa moga mirgaa teete.


Jaarole saalfad'a, duraa kaa. Nale sodaad'a, anini AABBO Waaqa.


Woli ch'eera, maro Kristo saalfattaniifi.


Lafafi gubbaleeni arra d'uga tiyya aka, hojja isani na d'ugefachu diddani, lafa ira hobaatani. Lafa Yordanini gama, ta isani diquma iti inqubatini taanile guddo keesa inteetani keesa isani balleesani.


ch'ufa guuta, aka wonti ch'ufa nagaya isanii taate, isani lafa amma iti qubachu geetani tana keesa teetani.


Haga jirtani isanifi ilmaani teesanifi d'alooti keesanileeni ch'ufti. AABBO Waaqa keesani guddiftani aadaafi, seera isaa, ka anini isanii kennu kana, guutuu maltani, aka lubbuuni teesani lafa suni irati d'eerattu.


Seera anini, ara isanii kenne kana ch'ufa guuta. Yo akasi taatani, dandeetani galaana taakitani lafa, amma iti qubachu geetani tana fud'atani.


Duuba ganna heddu lafa aananifi dammi aka lola yau keesa teetani lafa AABBO Waaqi ababoota teesanifi ilmaani isaaniti kakhate.


Yo nami ilma mataa jaba, ka dubbi nama ind'ageenne yokhaani ka haad'afi abba ufi ato d'aananile insaalfaneefi qaabate,


Waaqi nama abbaafi haad'a isaati saalfachu didu ha abaaruti. Duuba gumiini ch'ufti ha Amini! jettu.


Akuma ilmi abba ufitini khooru, nami jaarelleeni akhakhowani ufitini khoora.


Ammalle mana injaaratina, oobru mid'aanitifi ta zabibu inqotatina, yokhaani imbitatinale; waan akana kana tokole intolfatina, waaro keesa qubad'a. Duuba akasiini lafa keesa gogodaantani tana keesati turtani.


Jennaani anini waan worra gosa Rekabutini jed'e AABBO Waaqi, guddaani Israeli, qara waan isaniini jed'e, Isani gorsa ababooni keesani Yonadabuni isaniini gorse guutani dubbi isa gula yaatani waan inni isani seere ch'ufa ya jabeesitani.


Nami si keesa jiru tokoleeni, ka worra ufiiti saalfatu, injiru. Atini nama gosa d'ibi, ka si keesa tau dabsite, nad'eeni hiyyeeyifi ilmaani hiyyeeyile saamte.


Jennaani Yusufuuni Yakobo ijoolle iraa guure d'aatu isati jilbifate mataani gajed'e.


Jennaani ilmaani Yakobo akuma inni d'aamate tolchite;


Tanaafi isiini gara oobdi d'at'e, waan haati d'iirsa isii jetteeni tolchite.


Daudini achii kae, dira Mispa ka lafa Moabu d'aqe, waan hayyicha Moabutini jed'e, Aabbo, na qarqaari, abbaafi haati tiyya ha fulla tante teetuti, haga anini waan Waaqi naa tolchu hubad'uti.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite