Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Bahisa 20:11 - KITAABA WAAQA

11 Wonti akanatiifi AABBO Waaqi guyya jaa keesati gubba, lafa, galaanafi waan keesa jirale ch'ufa mid'aase, guyya torbeeso hafuura baafate. Tanaafi AABBO Waaqi Sabato eebise qulqullo tolche.

Gade chapit la Kopi




Bahisa 20:11
17 Referans Kwoze  

Guyyaani suni akheekha haga jiru jireennati, ka jiddu tiyyafi worra Israeli jiru; wonti akanatiifi anini, AABBO Waaqi, guyya jaa keesati lafafi gubba uume, guyya torbeeso oole hafuura baafad'e.


Guyya qara ka torbaani nu woli woldeenne qit'a ch'absine. Pauloni worrati hasae, aka kaisa boriyyaati kurfefatu haga saa jaa ka halkani hasae.


eebiseefi waan jed'eeni, Ilmaani hora, lafa guuta fida, ammalle qurt'umi baariinitifi waan gubbaa barisatiifi waan lubbu qaba ka deemu ch'ufa mohad'a.


Duuba gumiini suni waan kana d'ageennaani, garaa tokooni Waaqa kad'ate waan jette, Aabbo gudda, atini Waaqa lafafi gubba uume galaanafi waan keesa jira ch'ufale uumte.


D'iiro, isani maafi waan akana kana tolchitani? Nu namuma aka keesaniti! Nu Odu Dansa isaniti hasoomna, aka waan kana ka woma intahiini iraa deebitani, gara Waaqa jireenna ka gubbafi lafafi galaanafi waan keesa jira ch'ufa uume deebitani.


Wonti akanatiifi fulla toko t'aafiini waan guyya torbeeso akana jetti, Waaqi guyya torbeeso huji ufi ch'ufa iraa boqote.


maqa Waaqa ka haga hegeri jiruufi ka gubbafi waan keesa jira ch'ufa uume, lafafi waan keesa jira ch'ufaafi galaanafi waan keesa jira ch'ufale uumeeni kakhate. Malaikaani waan jette, ammaa achi wonti kunini iti deebite inturtu.


Anini ammo guyya suni arda Gosheni, ka worri kiyya keesa jiru, illakisa, aka tiiteeni tokoleeni achi ind'umne. Akanaani aka anini, AABBO Waaqi, lafa tana keesa jiru beeta.


Musani waan jed'eeni, Akuma dira keesa baheeni, anini harka olqabad'e AABBO Waaqa yaamad'a. Duuba mandisuuni ch'itte, bokai d'akhaani roobu kulleeni ch'aama, akanaani aka lafti ta AABBO Waaqaa beeta.


Qaabad'i, aka atini duri lafa Misiri keesati tisse taate ammalle anini AABBO Waaqi kanke jabeenna kiyyafi humna tiyyaani si baase. Tanaafi anini guyya Sabato jabeesi siini jed'a.


Faaru hareetini AABBO Waaqa faarsa; lafti ch'ufti ha isa faarsitu! Isani worri baariini keesa yaufi wonti baariini keesati gala isa faarsa! Lafa fagootifi nami isi keesa tauleeni isa faarsa!


Anini harka kiyyaani lafa yayabe gubba dirirse. Lafafi gubbaleeni hojja anini yaamu maro tokotu d'ufte na dura ejiti.


Waaqi wonti inni mid'aase ch'ufti guddo dansa arge. Galgali tahe diiramileeni tahe; kunini guyya jaeeso.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite