Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Bahisa 16:8 - KITAABA WAAQA

8 Jennaani Musani waan jed'e, Nami fooni galgala isanii kenne qit'a diirama haguma isani feetani isanii kennu AABBO Waaqa. Wonti akanatiifi inni yayu haalano teesani d'agaye. Isani yo haalattani nu inhaalanne, Waaqa haalattani.

Gade chapit la Kopi




Bahisa 16:8
17 Referans Kwoze  

Nami jara wo fidu suni didu waan Waaqi tolche dida; nami waan kana tolchu qorsuma ufitiini d'ufa.


AABBO Waaqi waan jed'eeni, Waan biyyiti siini jettu ch'ufa jalaa qabi, guuti worri si indinne ammo ana, ka hayyu worraa, dide.


Tanaafi nami barsiisa tana dide ch'ufti nama indinne ammo Waaqa ka Lubbu ufi Qulqullo isanii kennu dida.


Nami isani d'agayu nale d'agaya, ka isani didu nale dida; ammalle ka na didu nama na erge dida.


Gumiini dabdoleeni tunini yoomi nati gungumu lakifti? Gungumsuni worraa tunini ya naa geete!


Duuba biyyiti Musati d'ufte waan jette, gaafa nu siifi AABBO Waaqati gungumne guddo ch'ubbu tolchine. Amma AABBO Waaqa nu kad'ad'u, aka inni bofa kana nuraa balleesu. Duuba Musani Waaqa biyya kad'ate.


Yokhaani gungumu himmalle, aka worri nami gari tolche, duuba Malaikaani Dua worra balleesite.


D'uguma, waan anini isaniini jed'u, Nami nama ani ergu fud'ate, nale ya fud'ate; ammalle ka na fud'atu nama na erge fud'ata.


Nami isani d'ieesu, na d'ieesa; nami na d'ieesu nama na erge d'ieesa.


Yesoni herega worraa beennaani waan jed'e, Maafi garaa keesani keesati hameenna akana kana hereddani?


Anini yayu kiyyiba kanke suni d'agaye tanaafi amma kiyyoofi lugama siti kaye si hirkise kara atini d'ufte kaani si deebisa.


Daalleeni dubbi daalliti dubbate, ch'ubbu ch'alla herega. Inni waan tolchufi ka jed'ule ch'ufa keesa kara iraa gore maqa Waaqa balleesa, ammalle inni nama beela qabu beela imbaasu, ka d'eebu qabule bisaani inobaasu.


Anini haalano gosa Israeli ya d'agaye. Duuba waan jettuuni, Galgale fooni nyaattani, bori diirama qit'a haga feetani nyaatani, akasiini aka anini AABBO Waaqa, Waaqa worraa, beekhani.


Musani waan Harunini jed'e, Waan gumi Israelitini jettu, AABBO Waaqa dura koota, inni ya haalano teesani d'agaye.


Jennaani worri Musati bohe waan jed'eeni, Bisaani d'ugani nuu kenni. Musani waan jed'eeni, Isani maafi gungumtani? Isani maafi Waaqa ilaalattani?


Amma tana waan biyyaani jettu, Guyya boriti jed'a, ufi qulqulleesa, fooni nyaatani inargattani. AABBO Waaqi ya gururisu teesani, ta isani, Eentu fooni nu nyaannu nuu kenna? Gaafa nu lafa Misiri keesa jirru hagana ira jira jettani d'agaye.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite