11 waan Musani jed'ani, Fulla iti nu awaalaniti lafa Misiri keesa injirre mo? Atini maafi lafa aloo tanati baafte nu fit'a? Waan atini lafa Misiri keesaa baafte nu tolchite laali!
Yo atini ka akana na tolchitu taate na nahi, na ijeesi, aka anini deebie gaargala akana siraa inarganne.
Gumiini gaargala ufiiti AABBO Waaqati gungumte, jennaani inni d'agaye dallane, ibida gubbaa worrati erge.
Boriyyaate gumiini ch'ufti Musafi Haruniti gungumte waan jette, Isani gumi AABBO Waaqa ya hobaaftani.
Jennaani Musani AABBO Waaqati deebie waan jed'eeni, Ee AABBO Waaqa, atini worra kanke kana maafi waan hamtu tolchita? Ati maafi asi na ergite?
Yakobooni waan jed'eeni, Isani maafi namichaani, Oboleesa d'ibi qamna jettani na gaargalchitani?
AABBO Waaqi ha waan isani taatani laale arguti, wonti akanatiifi Faraofi hojattu isaale nu jibisiiftani, sheefti worri nuuni hobaasu harka keesa keetani.
Faraoni worra Israeli gadi lakimnaani Waaqi, ato karaani lafa Filisti gabaaba taatele, achi worra inqajeelchine; wonti akanatiifi Waaqi waan jed'e, Worri kuni yo nyaapi lafa Misiriti d'aqabe, hegeri garagale booju worra kad'ate Misiriti dachaa.
Biyyiti aka Musani gaara gubbati ture argite jennaani Haruniti d'ufte waan jette, Nu waan Musa ka lafa Misiri keesaa nu baase qabate imbeennu; waaqoota nuuni deemtu nuu mid'aasi.
worri kunini nami tokoleeni ka iraa hafe lafa tana seenu injiru. Worri guddinna kiyya ka bibiliqufi akheekha waan mama ka anini lafa Misiritiifi lafa aloo keesati tolche ya arge. Ammo worri maro heddu na ilaalate na ch'aqasu dide.