Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Bahisa 12:24 - KITAABA WAAQA

24 Aada tana isanifi d'alooti keesanileeni jabeesa, haga jiru jireenna.

Gade chapit la Kopi




Bahisa 12:24
6 Referans Kwoze  

Guyyaani kunini guyya qaabacha isanii taha, ammalle guyya jila, ka AABBO Waaqa jettani qaabattani; d'aloota keesani ch'ufa keesa guyya kana qaabattani, haga jiru jireennale aada tana tolfattani.


Jila Qit'a bukho inqamne tana qaabad'a, armaa achile tolfad'a; wonti akanatiifi guyyaani anini gosa teesani lafa Misiri keesaa baase guyya suni. Tanaafi guyya suni d'aloota keesani ch'ufa keesa qaabad'a, haga jiru jireennale aada tolfad'a.


Yo lafa AABBO Waaqi isanii kenna jed'e kakhate geetanile, aada tana illakisina, tolcha.


Gaafa AABBO Waaqi lafa gosa kanaani, ta Hiti, ta Amori, ta Hivi ammalle lafa Yebusi ta inni duri ababoota teesanii, Inkenna jed'e kakhate, lafa aananifi dammi aka lolaa yautiini isanii d'ufe, achiti aada tana jia kana jabeesa tolfad'a.


Waan kanaafi duuba aada tana jabeesa, woga isii ganna ch'ufa tolfad'a.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite