22 Dame gurbi urgoo fuud'a, d'iiga qori keesa jiru ke kaya, duuba mikhikilafi siddo balbala diba, haga lafti bariituti isani nami tokoleeni mana keesaa imbahiina.
D'ugefachaani inni jila Pasaka tolche, d'iiga balbalati fifit'e, aka malaikaani nama hobaaftu angafa d'iira ka gosa Israeli intund'e.
Daba kiyya naraa fuud'i, duuba inqulqullaa; na d'iqi duuba anini aka dansa qulqullae, addaad'e haama fakaad'a.
Duuba nami qulqullooni ha dame urgo fuud'e, bisaani suni keesa buuse, waarofi waan keesa jiru ch'ufafi nama keesa jiru ch'ufati fifit'uti. Ammalle nami qulqullooni ha namicha lafe nama yokhaani reefafi awaala nama qabate, bisaani iti fifit'uti.
Qaraa fiit'e Musani Seera kitaaba Seera keesati t'aafani nama ch'ufati hime. Jennaani d'iiga yabiyetiifi ka korbeeyitifi bisaani fuud'e, kitaaba Seeratiifi nama ch'ufati qumbiifi butu diimtuuni fifit'e.
Wold'aqisi qara aada kad'achatiifi fulla Waaqa iti kad'atani nami harkaani mid'aase qaba.
Duuba nami ch'ufti ha d'iiga fuud'e siddoofi mikhikila balbala mana fooni keesati nyaatani dibani.
Waan wonti kunini d'uga taateefi, d'iigi Yeso hagasi ira wo baha? Lubbu hegeritiini inni aka sorio d'uga Waaqaa ufi baase. D'iigi isaa herega keenna huji hamtu ira qulqulleesa, aka nu Waaqa jiru hojannu.
Maro fed'i Aabbo Waaqatiifi isani fohatani, aka Lubbu isaatiini gumi qulqullo taatani, Yeso Kristo ee jettani guuttani, d'iiga isatiini qulqulloftani. Eebafi nagaya guddisa argad'a.
Isani la Yesoti d'uftani, ka wold'aqisa haraa tolche, ammalle la d'iiga fifit'ani, ka d'iiga Habili ira waan dansa himuti d'uftani.
Jennaani sirba toko sirbani gara Gaara Ejersa jed'ani d'aqani.
Gumi tiyya, kaa manati gala, balbala ch'ufad'a, haga dallansuuni Waaqa iraa galtuti d'okhad'a.
Yo nami tokoleeni mana keesaa alati bahe, isumati duani ufi gahe dooti isaa gubba teennaniti. Ammo yo nama mana kanke keesa jiru tokole wotolchani dooti isaa gubba teenna.