Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Bahisa 12:17 - KITAABA WAAQA

17 Jila Qit'a bukho inqamne tana qaabad'a, armaa achile tolfad'a; wonti akanatiifi guyyaani anini gosa teesani lafa Misiri keesaa baase guyya suni. Tanaafi guyya suni d'aloota keesani ch'ufa keesa qaabad'a, haga jiru jireennale aada tolfad'a.

Gade chapit la Kopi




Bahisa 12:17
12 Referans Kwoze  

Guyya suni ilmaani teesani ta d'iirati hima waan jettaniini, Wonti nu waan kana tolchinufi qaabacha waan AABBO Waaqi gaafa lafa Misiri keesaa nu baase nuu tolche.


Musani waan gumiini Israelitini jed'e, Guyya kana ka isani lafa Misiri boola tissooma keesaa baatani, ka AABBO Waaqi harka ufitiini lafa suni keesaa isani baase qaabad'a; qit'a bukho qabu inyaatina.


Ganni d'ibba afuritiifi sodoma hobaanaani gumiini AABBO Waaqa ch'ufti lafa Misiri keesaa godaante.


Eegi anini gaargala gudda worra Misiriti buuse gosa tiyya ta Israeli dura deeme lafa keesaa baase, worri Misiri aka anini AABBO Waaqa aka d'ugaa beekha.


duuba nu AABBO Waaqati boonne, inni boha teenna d'agaye malaika, lafa Misiri keesaa nu baaftu, nuu erge. Nu amatana Kadeshi jira, dira fulla seera lafa teesani.


Harunifi Musani worruma AABBO Waaqi worra Israeliti erge, Beena, lafa Misiri keesaa worra Israeli baasa jed'eeni.


Haga guyya kud'ani afreeso ka jia kana eega, duuba galgala suni gumiini Israeli ha ch'ufti mana ufiiti hori suni qalattu.


Guyyaani kunini guyya qaabacha isanii taha, ammalle guyya jila, ka AABBO Waaqa jettani qaabattani; d'aloota keesani ch'ufa keesa guyya kana qaabattani, haga jiru jireennale aada tana tolfattani.


Aada tana isanifi d'alooti keesanileeni jabeesa, haga jiru jireenna.


Waan kanaafi duuba aada tana jabeesa, woga isii ganna ch'ufa tolfad'a.


Jila Qit'a bukho inqamne tolfad'i. Anini yayu siti hime, aka atini jia Abibu keesa guyya torba qit'a bukho inqamne nyaattu wonti akanatiifi jia suni keesa lafa Misiri keesaa baate.


Hojja sagale jila suni nyaattani, qit'a bukho qabu inyaatina. Haga guyya torba qit'a bukho inqamne nyaad'a akuma gaafa lafa Misiri keesaa baqatani tolchitani. Qit'a kana, ka qit'a gaargala jed'ani, nyaad'a, aka isani haga jirtani guyya lafa Misiri, ta isani keesati gaargaltani, keesaa baatani qaabattani.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite