Bahisa 12:17 - KITAABA WAAQA17 Jila Qit'a bukho inqamne tana qaabad'a, armaa achile tolfad'a; wonti akanatiifi guyyaani anini gosa teesani lafa Misiri keesaa baase guyya suni. Tanaafi guyya suni d'aloota keesani ch'ufa keesa qaabad'a, haga jiru jireennale aada tolfad'a. Gade chapit la |
Hojja sagale jila suni nyaattani, qit'a bukho qabu inyaatina. Haga guyya torba qit'a bukho inqamne nyaad'a akuma gaafa lafa Misiri keesaa baqatani tolchitani. Qit'a kana, ka qit'a gaargala jed'ani, nyaad'a, aka isani haga jirtani guyya lafa Misiri, ta isani keesati gaargaltani, keesaa baatani qaabattani.