Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Bahisa 12:12 - KITAABA WAAQA

12 Halkanuma suni anini lafa Misiri keesa bahe angafa namaatiifi ka horifi bineensale ch'ufa ijeesa; ammalle waan harkaani boch'ani Waaqoota jed'ani lafa Misiri keesati kad'atani ch'ufa imballeesa. Anini AABBO Waaqa.

Gade chapit la Kopi




Bahisa 12:12
26 Referans Kwoze  

ka worri Misiri gaafasi ilmaani worraa ta angafa ta AABBO Waaqi fit'e awaalachu jiru. Akanaani AABBO Waaqi aka waaqa lafa Misiri ch'ufa ira irre qabu agarsiise.


Yo Waaqi aka worra Misiri fit'u lafa Misiri suni ke bahe, siddoofi mikhikila balbalaa irati d'iiga arge, inni mana keesani baase akasiini waan sila nama fit'a suni isaniti seenu d'owa.


AABBO Waaqi worra sodaachiise, waaqoota worrale waan woma keesa injirre tolcha. Duuba gochiti ch'ufti lafa ufi keesati isa durati gajette kad'ati.


Anini worra nama diqa toko woraanafi beelafi d'ukuba jalaa baasa, aka worri fulla jiru suniti wollaala ufi arge aka anini AABBO Waaqa isaanii hubatu.


Inni d'akhaye woyyu, ta old'ad'aabani, ta dira Heliopolisi keesa jirtu ch'ach'abse maneeni waaqoota worra Misiri gube balleesa.


Kunini d'aamsa waan lafa Misiri d'aamani. AABBO Waaqi hurrise dumansa gubba lafa Misiriti d'ufuu jira. Wonti harkaani boch'ani, ka worri Misiri kad'atu, isa durati holate, garaani worra Misirileeni isa durati laafa.


Anini waan jed'e, Isani ch'ufti waaqa, ilmaani Waaqa guddaa.


Waaqi ka abba kora gubba, woldeenna Waaqa ch'ufa keesati dubbate waan jed'u.


Waaqi waan Musani jed'e, Anini AABBO Waaqa.


Oobru zabibule ch'ufa keesati imbohani. Wonti akanatiifi anini lafa teesaniti d'ufe isani gaargalcha. Tunini dubbi AABBO Waaqi jed'e.


Jennaani worri Filisti baqate waan harkaani boch'ani ka worri kad'atu lafati lakise. Duuba Daudini jara isatini, Waan suni ch'ufa guba jed'e.


Boriyyaate worri Ashdodi lafaa kae jennaani akheekha Dagoni ka qaarie fuula lafati deefate Sanduqa Wold'aqisa dura ch'iisu argani; duuba olfuud'ani aka isa ka qara kaaniti deebisani.


Waaqa inabaariina, ammalle nama gosa teesani fidule hamtu isaa indubbatiina.


Akheekha d'ullatifi ka hantuta, ka lafa teesani balleese, mid'aasa, ammalle Waaqa Israeli guddisa. Inni hegerii isanifi waaqa keesanifi lafa teesanile gaargalchu lakisa.


abbaani isaa ha fuud'e fulla Waaqa iti kad'atani geese, mikhikila balbalati hirkachiise gurra isaa toko uru, aka inni haga jiru ch'ufa tisse isaa tahu.


Anini amma imbeekha, aka AABBO Waaqi waaqoota ch'ufa ira gudda; wonti akanatiifi inni yayu gumi Israeli harka gosa Misiri, ta worra tufate dabsate, keesaa baase.


Lafa Misiri keesati inni ilmaani angafa ta namaatiifi ta horile ch'ufa fit'e.


Anini maneeni waaqoota Misiri gube, hayyuuni lafa Babilonileeni waaqoota worraa gube yokhaani boojia. Akuma tissituuni woya ufi injirani iraa guurte qulqulleesitu akasuma hayyuuni Babiloni lafa Misiri daara baase, qulqulleese, biraa deema.


AABBO Waaqi guddaani, Waaqi Israeli, waan jed'u, Anini Amoni, waaqa Thebesitifi Misirifi waaqoota isiitiifi hayyoota isiile ch'ufa ingaargalcha. Anini hayyu Misiritiifi nama isa abdatu ch'ufa fuud'e,


Duuba boriyya AABBO Waaqi waan kana tolche; looni worra Misiri ch'ufti hobaani, ammo horiini gosa Israeli tokoleeni indoone.


Ato nami kuma toko si birati hobae nami kuma kud'ani si birati raawatele atini woma intaatu.


Wonti akanatiifi AABBO Waaqi Waaqa gudda, inni hayyu gudda, ka waaqa d'ibi ch'ufa ira jiru.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite