Bahisa 10:21 - KITAABA WAAQA21 Jennaani AABBO Waaqi waan Musani jed'e, Harka kanke Waaqati olqabi, duuba dukanti sipeeni ta nami taka inargini lafa Misiri ch'ufa sipi tolchite duuchiti. Gade chapit la |
AABBO Waaqi waan Musani jed'e, Waan atini Harunini jettu, Ule tante fud'ad'u, bisaani lafa Misiri keesa jira ch'ufa ira olqabi, galaana taanaani, dambala taanaani, haro taanaani, fulla bisaani naqattu ch'ufa ira olqabi. Duuba bisaani lafa Misiri keesa jira ch'ufti d'iiga tahani. D'iigi sunini waan bisaani iti woraabani ch'ufa ka mukhaafi d'akhaani mid'aasani guuta.
Waaqi tokoleeni, ka taka deeme nama lafa d'ibi keesaa fuud'e nama ufii tolfate, aka AABBO Waaqi keesani isani lafa Misiri keesaa fuud'e injira? Ila teesani durati inni irre isaatiifi jabeenna isaatini gaargala lolaatiini d'ufe, waan taka nami arge ind'agayinifi waan mama tolche, waan nama sodaachisa heddu tolche.