Amosi 6:11 - KITAABA WAAQA11 Hojja AABBO Waaqi dubbatu mana gudda ch'ach'absani, mana diqa balleesani. Gade chapit la |
Anini AABBO Waaqa, ka d'aatu fulla sorio iti qalani eju arge. Inni waan jed'e, Fiit'e utuba Mana Waaqaa d'ai, aka mikhikili balbalaa chochou. Utuba suni fiit'e iraa ch'ach'absi, aka fiit'eeni suni nama arti jiru ch'ufa ira jiddu. Duuba anini nama hafe kaani ch'ufa goraadeeni balleesa, tokoleeni na dura bahe imfiigu.