Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Amosi 5:4 - KITAABA WAAQA

4 AABBO Waaqi waan worra Israelitini jed'u, Nati koota, injiraattani.

Gade chapit la Kopi




Amosi 5:4
27 Referans Kwoze  

duuba inni kae gara Asa d'aqe waan jed'eeni, Asafi worra Yudatifi ka Benjamini, na ch'aqasa. AABBO Waaqi isani woliini jira, yo isani isa woliini jiraattani. Yo isani isa barbaaddani, isa ind'abdani, ammo yo isani isa lakiftani innileeni isani lakisa.


AABBO Waaqa barbaada, isani worri balchichi, ka seera isaa guutu. Waan qajeela barbaada, AABBO Waaqa durati ufi balchoomsa. Hegeri guyya dallansu AABBO Waaqa duraa baatanifa.


AABBO Waaqi gubbaa nama gadi ilaale, aka nami wohubate isa kad'atu worra keesa jiru arga.


Gumi tiyya, na ch'aqasa, nati koota; nati koota, jireenna argattani! Anini wold'aqisa haguma jiru jireenna jiru isani woliini tolfad'e eeba duri Dauditi kakhad'e isanii kenna.


Nami wo kad'atu inargata, nami barbaadu inarga, ammalle nama balbala d'ad'au imbananiifi.


Amma atinileeni, ilma kiyya Solomoni, Waaqa abba kanketi beekhi, garaa tokofi qalbi tokooni isaa hojad'i. Inni heregaafi fed'i teenna ch'ufa imbeekha, yo barbaadde isa inuma agarta; yo atini isa iraa gorte, inni haga jiru jireenna si abaare si lakisa.


Yehoshefathini guddo sodaate qarqaarsa AABBO Waaqa kad'ate nama Yuda ch'ufaani, sagale inyaatina, ufi agabsa jed'e.


AABBO Waaqa barbaada, injiraattani. Yo isani barbaadu baatani, inni aka ibida worra Yusufuti d'ufe guba. Ibidi suni worra Betheli gube, nama d'aamfule d'abani.


Hiyyeesi, hojja waan kana argu, ingammada; nami Waaqa kad'atuleeni garaa jabaata.


Gaafa atini, kooti na kad'ad'i nani jette, anini, AABBO Waaqa ind'ufa;


Hiyyeesi haga fed'u nyaate quufa; nami AABBO Waaqa barbaadu isa faarsa. Worri sunini ha haga jiru jireenna hormaata qabaatuti!


Ganna saddeeteeso ka hayyuma Yosia, ka inni gaafasile ijoolluma qabu, inni Waaqa ababo isaa Daudi kad'ate arti asi gula deeme. Ganna kud'ani lameeso ka hayyuma isaa, inni fulla waaqa d'ara iti kad'atanifi akheekha waaqa Ashera jed'anitifi akheekha waaqa d'ara d'ibile ch'ufa lafa keesaa balleesiti iti kaye.


Achiti isani AABBO Waaqa keesani barbaaddani duuba yo isani garaa tokooni barbaaddani, inuma gartani.


waan jed'e, Dubbi anini isani arra barsiisu tana jabeesa, garaati qabad'a, ilmaani teesanile ch'ufa barsiisa, aka isiini dubbi seera kana ch'ufa jabeesite guutu.


Dubbini tunini dubbi tabaatiiniti, waan jireenna keesaniti. Yo jabeesitani guuttani, lafa galaana Yordanitini gama ta isaani amma iti qubachu geetani tana keesati, guyyaani keesani d'eerata.


Nama lafa Misiri qarqaarsa kad'achu d'aqu ya bade! Worri fardaafi gaari fardi hirkisufi askarti worraa heddu abdata. Ammo AABBO Waaqa Qulqullo Israeli, inabdatani, yokhaani qarqaarsa inkad'atani.


Nami akana kunini aadaafi seera kiyya jabeese guuta. Maro inni nama d'uga gula deemuufi, injiraata. Nami dubbi tana jed'e AABBO Waaqa.


Ee AABBO, aka anini garaa tokooni si hojad'e sii saalfad'e woma atini feetu ch'alla tolche qaabad'i; akasi jed'e aka hama bohe.


Dira Yuda ch'ufa keesaa biyyiti orite Yerusalemu d'ufte AABBO Waaqa qarqaarsa kad'ate,


AABBO Waaqi nama isaa ka gaaragala qabu d'agae, gumi isaa ta hid'aansa keesa jirtule inded'u.


Anini waan jed'eeni, Harka worra suniti si inkennani, waan AABBO Waaqi fed'u guuti, duuba wonti ch'ufti sii tolte, lubbule si baasani.


Anini waan jed'e, Lafa hareeti qotad'a, d'uga oobra, ammalle eeba jaalalti isani na jaalattani isanii kennitu haamad'a. Guyyaani isani ana, AABBO Waaqa keesaniti deebitani ya gahe, anini d'ufe eebaani isani bad'aasa.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite