Amosi 2:15 - KITAABA WAAQA15 T'iyoleeni ejite inhaatu, qolchaleeni baqate imbahu, nami farda yaabatuleeni lubbu ufii imbaasu. Gade chapit la |
Anini lafa tana irati waan toko d'ibile ya hubad'e; qolchaani dogoomsu keesa guyya ch'ufa nama inqolchu, jannileeni had'iisa guyya ch'ufa indabsatu, qarooleeni guyya ch'ufa bulti inargatu, nami maltichileeni guyya ch'ufa horiti imbahu, ammalle nami jabaani wo beekhuleeni hojja ch'ufa waan fed'u inargatu. Mudani namuma ch'ufati galti.
Anini AABBO Waaqa, ka d'aatu fulla sorio iti qalani eju arge. Inni waan jed'e, Fiit'e utuba Mana Waaqaa d'ai, aka mikhikili balbalaa chochou. Utuba suni fiit'e iraa ch'ach'absi, aka fiit'eeni suni nama arti jiru ch'ufa ira jiddu. Duuba anini nama hafe kaani ch'ufa goraadeeni balleesa, tokoleeni na dura bahe imfiigu.