Abba herega 9:2 - KITAABA WAAQA2 Nama qajeelafi ch'ubbichileeni, dansaafi hamaleeni, ka aada Waaqa jabeesufi ka injabeesineleeni, yokhaani ka sorio qaalufi ka inqalleleeni woma takaa taha, inuma dua. Nami dansaani nama hama iraa ingoomu, ka kakhatuleeni ka kakhu didu iraa ingoomu. Gade chapit la |
AABBO Waaqi Guddaani waan jed'u, Anini qorsumafi isaniti d'ufa, ammalle anini maruma toko worra falfala tolchu taanaani, d'iirafi nad'eeni aada male wolti yaatu taanaani, nama d'ara d'ugeesu taataanaani, ch'ubbicha nama hojattu isaati hori baasu didu taanaani, nama haad'a hiyyeesatiifi hiyyeeyi dabsu taanaani, nama keessuma ulfeesu didu taanaani, ammalle nama ch'ufa ka na insodaanne, d'uga intahuufi.
Anini lafa tana irati waan toko d'ibile ya hubad'e; qolchaani dogoomsu keesa guyya ch'ufa nama inqolchu, jannileeni had'iisa guyya ch'ufa indabsatu, qarooleeni guyya ch'ufa bulti inargatu, nami maltichileeni guyya ch'ufa horiti imbahu, ammalle nami jabaani wo beekhuleeni hojja ch'ufa waan fed'u inargatu. Mudani namuma ch'ufati galti.