Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Abba herega 8:8 - KITAABA WAAQA

8 Nami tokoleeni ka dandae duu ufi d'owe guyya isaa dabarfatu injiru. Sunini woraana, nu nami tokoleeni dandae duraa imbaane; nu diqole duraa ufi baasu indandeennu.

Gade chapit la Kopi




Abba herega 8:8
21 Referans Kwoze  

Nami haga jiru indoone injira? Eenuti dandae awaala dura ufi baasa?


Guyya namaatiifi bulti inni bulu qaraa mid'aasani. Atini qaraa hereddeefi, dandaani gara ingalchani.


Akuma nami ch'ufti maro toko ch'alla due, ammo eegi suni Waaqi nama qoru,


Isani kiyyibdani waan jettani, Nu yayu duisani wolti kakhaanne irreesaleeni wold'anne. Ammalle hojja gaargali hamani lafa teenna d'ufele woma nu intolchu, wonti akanatiifi, yayu d'ara fulla iti d'eennu tolfanne, fulla kiyyibati baqanne jettani.


Eentu beekha, aka lubbuuni namaa gubbati deemte ammo ta bineensa lafa seentu?


Ch'ubbichi hameennuma ufiitini badi ufitini d'ufa, ammo nami d'uga d'uguma inni keesati buluni waan hamtu jalaa baha.


Muummeeni ch'ubbichatifi ta nama Waaqa diduleeni booluma duati.


Ato laafinnaani maskali gubbati isa ijeesanile, jabeenna Waaqaatiini amma jira. Nuleeni isa keesa lalaafo; ammo jabeenna Waaqa ka gara keesani jiruuni isa woliini teenna.


Hojja awaalani fuuli hamafi laafa; gaafa kaasani mid'aagaa dansa.


Kakhu isani duisani wolti kakhatani Ch'absani wold'aqisa isani irreesani wold'at'ani balleesani. Hojja gaargali hamani lafa teesani d'ufu, gaargali sunini isani qabate isani balleesa.


Yo Waaqi hafuura jireenna nama keesa fuud'e,


Nu ch'ufti indoona, akuma bisaani lafati jissani ka dandaani wolti indeebine jirra. Waaqileeni nama due inkaasu, ammo hayyichi kara nama lafa d'ibiti baqateeni galchu ind'abu.


Worri haga galaana Yordani yae, kara suni ch'ufa keesati woyaafi miha worra Shamu ka ato worri baqatu iraa jige argani. Duuba deebiani waan ch'ufa hayyuuti himani.


ammo ch'ubbichi wo taha. Jireenni isaa aka gaandidu jira, inni yoosu dua, waan inni Waaqa insodaanneefi jed'ani.


Nami hamani jireenna isaa keesa jajabaate ineju, ammo nami d'ugaa inchochou, jajabaateti eja.


Namu guyya ufii imbeekhu, akuma simpirreefi qurt'umi t'ururaani qabani, akasuma aka dagutiini hojja hamtu nama qabani.


Atini, Namu na inargu jette ch'ubbu tante keesati ufi d'ugeefatte. Qalbiifi beekhi kanke si sobe, garaa kanke keesati, Ana male nami aka kiyya injiru ufiini jette.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite