7 Nu nami tokoleeni ka waan taha beekhu injiru, yokhaani nami nuti himuleeni injiru.
Daalleeni dubbate inch'itu. Nami tokoleeni waan iti deemu imbeekhu, ammalle nami tokoleeni ka eegi doone waan nu taanu beekhu injiru.
Abbaani hojattu suni guyya inni insehannefi hojja inni imbeenne d'ufe,
Namu guyya ufii imbeekhu, akuma simpirreefi qurt'umi t'ururaani qabani, akasuma aka dagutiini hojja hamtu nama qabani.
worri akasi suni yoosu bada. Atini aka Waaqafi hayyuuni dandaani si balleesani diqole inhereddu?
Maro waan kanatifi, hojja ch'ufa kurfo tahu maltani. Ilmi Nama hojja isani insehanne d'ufa.
Nami tokoleeni akamiini dandae waan isaa male, jireenna isaa gabaaba ka woma imbaane, ka aka gaandidu dabru kana keesati beekha? Eenuti waan eegi inni due lafa keesati taha beekha?
Tanaafi wonti dansaani nami tolchuu male, ka anini arge, nami waan hojate argate nyaate d'uge gammaduuni male. Wonti tokoleeni d'ibiini ka nu tolchinu injirtu, karaani tokoleeni ka waan nu eegi doone taanu beenuuni injiru.
Nama mata jabaate gorsa fud'achu didu takaa tana imballeesani, deebie inkau.
Hojja wo sii mid'aagaani gammadi, ammalle hojja gaargali d'ufu waan kana qaabad'u: Waaqumati gammadafi gaargalale namaatiini d'ufa; nami dandae waan iti deemu imbeekhu.
Ammalle inni waan jed'e, Suni malele, hayyiti Estani, nama d'ibi lakifte naafi hayyu ch'alla sagalee yaamte, borile ya nu yaamte.
Waan boritini koorte inkiyyibini waan jiddu tanati siti d'ufa imbeetu.
Anini waan kana ch'ufa guddo herege jennaani aka wonti nami qaroofi qajeelani tolchufi jaalalaafi jibbi worraleeni Waaqa iraa d'uftu arge. Nami tokoleeni ka waan iti deemu beekhu injiru.