8 Nami qarooni kara kamiini daalle ira jira? Hiyyeesa arga d'ageetiini maal baati?
Hiyyeesa ch'ubbu inqamneti daalle kiyyibdu ira gooma.
Dureeyi lafa tanatiini ufi inguddisiina, abdi teesani durooma lafa tanaa, ka nami waan isi aka imbeenne ira inkeyatina, ammo Waaqa ka arjoomaani waan ch'ufa namaa kennu gubba keyad'a jed'iini.
Worri lachu Waaqa durati worra d'ugaati, wollaala male seera isatiifi aada isaa ch'ufa guutani.
Akuma nami hori gudda qabuuni, nama heddu nyaachisa. Tirfiini inni waan kana iraa qabu maani? — Agarta ila male.
Duuba akanaani anini lafa nama jiru keesa AABBO Waaqa jala deeme.
Anini ufi tissa, waan hamtu keesa inseenu. Atini yoomi nati d'ufta? Anini garaa qulqullooni mana kiyya keesa taa,
Ganni Abramu sagaltami sagali geennaani AABBO Waaqi isati mullate waan jed'eeni, Anini Waaqa Gudda. Na ch'aqasi, waan hamtu intolchini.
Tunileeni woma imbaatu, seeruma nama qilleensa gussuuti. Fulla ila d'eerattu, yo waan harkaa qabdu quuftu dansa.