6 Ammo ato akasile taate, waan diqo qabani, ka yaado bira inqamneti, waan harka lamaaniini hojja ch'ufa akuma waan qilleensa qabani hojatani ira gooma.
Nami yo waan diqo kara d'ugaatini argate, nama hori heddu kara dabatini argate ira jira.
Wonti diqooni nami d'ugaa qabu, waan guddo nami ch'ubbu qabu ira jirti;
Nama nagayaani qit'a gogeesa nyaatuti, nama mana ufi keesati jila tolfate, jila suni keesati woldidu, ira jira.
Anini kutad'e, beekhumafi daallumafi qaroomafi maraatu gargari barad'a jed'e, ammo hubannaani aka nama qilleensa gussu ufi arge.
Anini ammalle waan woma keesa injirre d'ibi lafa keesati ya arge.
Anini waan lafa tana irati tolchani ch'ufa yayu arge, woma keesa injirtu, seeruma nama qilleensa gussuuti.