11 Inni hojja waan ch'ufa tolchani ya mid'aase. Inni herega waan iti deemani ya namaa kenne, ammo waan inni tolchu quubse nama ingarsiisu.
Duroomi Waaqaa waan gudda! Qalbifi hubachaani isaa waan guddo! Eentu waan inni muru beekha? Eentu kara isaa hubata?
Waan Waaqa ka d'ossani, dandeete keesa imbeeta? Atini dandeete guddinnaafi jabeenna Waaqaa muumme inhubata?
dandae waan Waaqi tolchu inhubatu. Ato nami haga fed'u barbaadele inargu. Nami qarooleeni ato, Imbeekha jed'ele dandae imbeekhu.
Inni waan jabdu mama ka nami dandae inhubanne, tolcha.
Waaqi wonti inni mid'aase ch'ufti guddo dansa arge. Galgali tahe diiramileeni tahe; kunini guyya jaeeso.
Nami waan kana d'agaye ch'ufti guddo mame waan jed'e, Inni waan ch'ufa yayu aka dansa tolche! Nama gurri duudele ind'ageesiisa, ka afaani duudanile indubbachiisa jed'ani.
AABBO Waaqi jaba aka d'akha, ka wonti inni tolchu ch'ufti d'uga. Inni Waaqa d'uga, ka d'ugeefatani, ka qajeelafi d'ugaa tolchu.
Ee AABBO Waaqa, atini waan heddu uumte! Atini qarooma akamitiini waan kana ch'ufa uumte. Wonti atini uumte sunini ch'ufti ya lafa guute.
Wonti anini arge tana ch'alla. Waaqi qajeelumani nu mid'aase, ammo nami aka ira ufi gorse ufi babadeesa.
Maro biyyiti waan d'uga Waaqa barachu diddeefi, inni ya qalbi hamtuti worra lakise, tanaafi waan tolchu himmalini tolchani.
Mid'aani qoraati keesati fach'aasani suni nama dubbi d'agaye, ammo herega lafatiifi sobi durooma dubbi taani ukaamse, mid'aani d'alu d'owu fakaata.
Waan ch'ufa Aabbooni ya harka kiyyati kenne. Abba male, nami Ilma beekhu injiru, ammalle nami Abba beekhu injiru, Ilmaafi nama inni iti mullisu fed'u male.
Nu dandeenne Waaqa gudda ind'aqamnu, jabeenna isaa dandeenne iti ind'iaannu; inni nama indabsu, d'uga gula nama qajeelcha.
AABBO Waaqi waan mid'aase ch'ufa woumafi mid'aase, ch'ubbichale aka balleesuufi uume.
Anini kutad'e, Waan lafa tana gubbati tolchani ch'ufa qalbeefad'e laale barad'a jed'e. Waaqi haga jiru jireenna yayu gaargala nama ira kaye.
Me, waan Waaqi tolche heregi. Eentu dandae waan Waaqi dabse qajeelcha?
Waan anini jed'e kana ch'ufa qarooma kiyyaani laale arge. Anini qaro tahu fed'e, ammo tahu dad'abe.
Waaqi ka waan ch'ufa uume, akuma atini ilmaani garaa haad'a keesati uumamte waan isiini uumamtteeni imbeenne, akasuma atini waan inni tolche imbeenne.