10 Anini imbeekha, ulfinna gudda Waaqi nama ira kaye.
Hojatte damfitu male, sagale inyaattu, haga biyye keesaa baateti deebituuti; atini qara biyye, biyyuma suniti deebita.
Waaqi qaroomafi beekhumafi gammada nama isa gammachiisuu keenna; ammo inni nama daba hojachiise, aka waan inni argateefi waan olkeyatu nama Waaqa gammachiisuu kennani. Tunileeni woma imbaatu, seeruma nama qilleensa gussuuti.
Qarqaarsa nama tokole bilaasha imfud'anne. Ammo halkani guyya gaargalle hojanne, aka nu nama tokole ind'imne.
Aka nu gaargalaani hojanne isani inqaabattaniiyu? Nu halkani guyya hojanne aka, ato Odu Dansa ta Waaqa hasoomnu, isani ingaargalchine.
Waaqi ka waan ch'ufa uume, akuma atini ilmaani garaa haad'a keesati uumamte waan isiini uumamtteeni imbeenne, akasuma atini waan inni tolche imbeenne.