12 Jechi nama qaro gurra dansaani d'ufa, ammo daalleeni dubbuma ufitiini ufi ijeesa.
Yo hasooftani dubbi dansa miooftu hasaa. Ammalle nama woi isani gaafate qajeelcha deebisaafi.
Nami ch'ufti ka isa ch'aqase mame, maro dubbi dansa ta afaani isaa keesaa baateefi maadefate, waan jed'ani, Kunini ilma Yusufutiniti?
Nama garaani isaa qulqullo, ka dubbi dansa dubbatuti, hayyuu jaala taa.
Dubbini qaroo beekha namaa darti, ammo daalleeni dubbiniti indididdi.
Hasaa keesati dubbi hamtu injed'ina. Dubbi dansa, ta nama qarqaarte jabeesitu ch'alla jed'a, aka worri d'agayu eeba argatu.
Inni waan jed'eeni, atini garbicha hama! Anini jecha kanketiini wollaala siti mura! Atini aka anini nasu inqamne, ka waan biyya fud'atu, mid'aani biyya muratu, imbeeta.
Nami dansaani hori ufi dansa keesaa waan dansaa baasa; nami hamaleeni hori ufi hama keesaa waan hamtu baasa.
Isiini qaro, ammalle guddo namaa naati.
Daalleeni mammaakhu akuma nama farso d'uge machae, qorati harka keesa fud'atu, jira.
Nami kora keesati d'ara dubbate gati iti murani jalaa imbahu.
Dubbini qajeeltuni ta fulluma isiini malteefiti dubbatani akami dansa!
Dubbini herega male dubbatani akuma woraana nama woraanti, dubbini heregaani dubbatani nama fayyifti.
Nami d'uga balleesu gaargalani d'ufaa, ammo, ka soda male d'uga diidati gabaasu nagaya barbaada.
Beekhani gorsa fud'ata, daalleeni afaanuma ufitini bada.
Nyaapa kiyya na dabsachu d'owi; soda worri na sodaachisu worrumati deebisi.
Maro dubbi worraatifi inni worra balleesa; nami worra argu ch'ufti mata gingilfata.
Afaani nama d'uga qarooma ch'alla dubbatani, arabi isaaleeni dubbi qajeeltu ch'alla dubbata.
Anini sila gorsaani isaani jabeese dubbi dansaani isani kiba.
Daudini waan jed'eeni, Sumati dua tana ufitini d'ufe. Afaanuma keetiini atini, hayyu AABBO Waaqi muude anumati ijeese jette.
Waan jed'ani, Nama daalleti harka mamarate tae beelaani ufi ijeesa.
Yo sila haasaa laana ka nama qaro ch'aqasani dansa, fulla hayyu kora daalle keesati tae lallabu ch'aqasani ira.
Jechi worra qaro aka ule qara qabdu, ta tissituuni hooliye hooliyeeni woworaante karaati qajeelchituni jira, yokhaani mammaasi wolti guurani akuma d'isa jabeesani gad'aani jira. Jecha kana ch'ufa Waaqa, tissitu nama ch'ufati, namaa kenne.
Hubatte male indubbatiini, ammalle herega male, Waaqaa wo tolcha injed'ini. Inni gubba jira, atini lafa jirta, tanaafi waan jechu malte male, dubbi ind'eerisiini.
Arabi kanke ch'ubbu keesa si imbuusini, aka hegeri kakhu tante tana ergattu Waaqa durati imormanne. Maafi Waaqa ufiti dallansiifta? Maafi aka inni huji atini tolchitu balleesu iti lakifta?