15 Waan dabe dandaani inqajeelchani, ammalle waan injirre dandaani inhedani.
Bale ch'ufa duucha, gaareeni ch'ufa diqeesa, lafaani woli fakeesa; duuba akanaani kubileeni ch'ufti diida taate, lafti gooro qaqabdu ch'ufti dirirte qajeelti.
Anini imbeekha, wonti Waaqi tolchu ch'ufti ind'umattu, waan tokole iti indarani, womale keesaa imfuud'ani. Wonti Waaqi waan kana tolcheefi aka nami ch'ufti isa sodaatu.
Eentu isani keesa, ato d'ind'insele, dandae d'und'uma toko d'eerinna ufiti dara?
Fed'i AABBO Waaqa ch'allati guyya ch'ufa guutama.
Yo Waaqi ch'allise, eenuti dandae waan isa dubbata? Yo inni fuula d'ofate, eenuti dandae isa arga?
Inni aka qaroomi aka heddu jiru si barsiisa; waan nami dandae inhubanne ka d'ossaati jira. Hubad'u, gaargali kanke kunini haga sila sii male ingahu.
Inni nama lafa keesa jiru ch'ufa womatu indaru, malaikaani gubbatiifi nami lafaleeni ch'ufti finna isaa jalati bula. Nami woi isani morme, Atini maani taata? jed'e gaafatu injiru.
Ammo ato akasile taate, anini ufi baase aka beekhaani wo barad'u; ammalle aka qaroomafi waan imbeennele barad'e, aka woni hamtuuni daallumafi maraatu hubad'u.
Nami guraachi lafa Kushi dandae goga ufi garaingalcha? Yokhaani qeeramsileeni dandae barru ufira imballeesa? Yo worri dandae waan suni tolche isanileeni ka waan hamtu barattani, dandeetani waan dansaa tolchitani.