Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Abba herega 1:13 - KITAABA WAAQA

13 Anini kutad'e, Waan lafa tana gubbati tolchani ch'ufa qalbeefad'e laale barad'a jed'e. Waaqi haga jiru jireenna yayu gaargala nama ira kaye.

Gade chapit la Kopi




Abba herega 1:13
22 Referans Kwoze  

Anini imbeekha, ulfinna gudda Waaqi nama ira kaye.


Hojatte damfitu male, sagale inyaattu, haga biyye keesaa baateti deebituuti; atini qara biyye, biyyuma suniti deebita.


Anini kutad'e, beekhumafi daallumafi qaroomafi maraatu gargari barad'a jed'e, ammo hubannaani aka nama qilleensa gussu ufi arge.


Waan kana iti jabaad'u, guuti, aka nami ch'ufti, aka atini dura deemte, si argu.


Ilma kiyya, waan d'ibi atini eegachu malteti jira. T'aafiini kitaaba waan keesaa bahaniniti, ammalle soomitiini guddooni si dad'absiifti.


Ammo ato akasile taate, anini ufi baase aka beekhaani wo barad'u; ammalle aka qaroomafi waan imbeennele barad'e, aka woni hamtuuni daallumafi maraatu hubad'u.


Anini gaafa waan lafa tana irati tolchani herege, wonti anini arge, nama gari ka jabeenna qabuufi nama gari ka worra suni jalati gaargalu arge.


Ammalle waan anini arge, wonti biyyiti guddo hojattufi, maro halcha nama d'ibitifi. Ammo tunileeni woma imbaatu, seeruma nama qilleensa gussuuti.


Waaqi qaroomafi beekhumafi gammada nama isa gammachiisuu keenna; ammo inni nama daba hojachiise, aka waan inni argateefi waan olkeyatu nama Waaqa gammachiisuu kennani. Tunileeni woma imbaatu, seeruma nama qilleensa gussuuti.


Nami haga jiru ch'ufa heregafi gaargala qaba. Halkanile qalbiini isaa imbultu; tuleeni woma imbaatu.


Ilma kiyya, na ch'aqasi, faana tiyya iraa ingorini.


Nami wo beekhu guyya ch'ufa kurfo jira aka qalbi tokooni wo baratu.


Nami namaani woli ind'ageenne, ch'ufti ufo ufuma ch'alla jaalata. Inni waan qajeeltu biyyiti agartu ch'ufa imorma.


Qaroomi waan ch'ufa ira jira, barbaadi, iti bahi. Ato waan d'ibi d'abdele hubacha argachu malte.


Wonti AABBO Waaqi tolchu ch'ufti waan mamaati! Nami waan suni maache ch'ufti guddo waan isii hubachuu fed'a.


Nami fulla guddo dukanootule keesa wobarbaade qile boolale keesa d'akha qota.


Inni hojja waan ch'ufa tolchani ya mid'aase. Inni herega waan iti deemani ya namaa kenne, ammo waan inni tolchu quubse nama ingarsiisu.


Fakeenna, namicha tokoti jira, ka kobaa galu, ka ilmaafi oboleesale inqamne, ammo ka halkani guyya hojate waan guddo argate sunile inquumne. Inni eenu jed'e waan kana ch'ufa hojate machi ufi d'owa? Tunileeni woma imbaatu, finna hama toko ka nami keesati fidamu.


Waaqi ka waan ch'ufa uume, akuma atini ilmaani garaa haad'a keesati uumamte waan isiini uumamtteeni imbeenne, akasuma atini waan inni tolche imbeenne.


Nu Waaqa waan inni wo d'ossufi guddimna; ammo hayyoota waan isiini woi nama barsiifte namaa didufi ulfeesina.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite