13 Irreeni anini ufiini baasu na keesati inhamne; fullaani anini qarqaarsa iraa argad'u injirtu.
Wonti nu ufi guddimnuufi tana: heregi keenna aka dansa nu beesisa, aka lafa tana keesa, keesuma jiddu teennaafi teesani, nu garaa tokooni d'uga Waaqi nu kenneefi eeba Waaqaatiini teenne, ammo qalbi namatiini inteenne.
Qarqaarsi atini nama hiyyeesa laafa aka kiyya kana kennitu kana?
Waan isaani beetani anini imbeekha, waan tokoleeni anini isani inhanqad'u.
Nami ch'ufti huji ufi laalu male. Yo dansa taate, ha waan tolcheeni ufi guddisuuti, ato waan nami d'ibiini tolcheeni wolbira inqamne.
Anini d'akhaa? Nafa kiyya sibiilani mid'aasani?
Atini daalle aka kiyya kana akana gorsite, qarooma kanke garsiifta?
Waaqa, atini yayu na dad'absiifte, atini yayu worra kiyya ch'ufa hobaafte.