12 Anini d'akhaa? Nafa kiyya sibiilani mid'aasani?
Garaani isaa d'akhaa, woma insodaatu; akuma d'akhaa daakhu jabaata, ka diqole illaamne.
Lafeeni isaa akuma sibiila diima jabaati, miili isaa akuma ule sibiila jira.
Anini irree maani qaba ta jiraad'uuni? Ka d'aabu womatu inqamne akami tae obsa?
Irreeni anini ufiini baasu na keesati inhamne; fullaani anini qarqaarsa iraa argad'u injirtu.
Qarqaarsi atini nama hiyyeesa laafa aka kiyya kana kennitu kana?