Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Aayubu 6:10 - KITAABA WAAQA

10 Ato sila aka inni akasi tolchu beekhe olch'ech'e gammada, ato guddo d'ukubsachu jiraad'ele. Anini imbeekha Waaqi qulqullo, anileeni taka dubbi isatini imorkine.

Gade chapit la Kopi




Aayubu 6:10
27 Referans Kwoze  

Anini hojja ch'ufa seera isaa guute, fed'i tiyya lakise ta isaa tolcha.


Anini Waaqa gudda, qulqullo, haga jirule tau. Anini gubba fulla qulqullo taa, ammo nama ch'ubbu iraa deebie ufi diqeesule woliini taa, aka akasiini garaa worraa jabeese abdi kennuufi.


waan atini gumi Israelini jettu, qulqullo taha, wonti akanatiifi anini, AABBO Waaqi keesani, Waaqa qulqullo.


Wonti lubbu qaba suni ch'ufti koola jaa qabdi alaafi keesale ila qabdi halkani guyya sirba illakiftu. Qulqullo, qulqullo, qulqullo, Aabbo Waaqa gudda, ka duri jiru, ka ammalle jiru, ka hegerile jiru jette sirbite.


Gara malaika gumi Filadelfia waan kana t'aafi: Tunini dubbi nama qulqullotiifi ka d'uga, ka fura Daudi harkaa qabu, ka yo inni bane nami tokoleeni dandae inch'umne, yokhaani yo inni ch'ufe nami tokoleeni dandae imbanne.


Inni Ilma ufile nu ind'owanne, ammo nu ch'ufaa baase! Inni ka Ilma ufi nuu kenne, waan nu feenu ch'ufa tolaani nuu inkennu?


Anini fed'i Waaqa tokole isani ind'ossine.


Ammalle waan isani olaana tokole inhambimne, ato isanii agarsiise barsiisu, nama duraafi maneeni teesani keesaleti.


Waaqi ammalle lafa Edomuti d'ufuu jira; Waaqi qulqullooni kubile Parani iraa d'ufuu jira. Guddinni isaa gubba guute, lafaleti guddo isa faarsani.


AABBO Waaqa, atini Waaqa jiru, haguma duriti atini Waaqa kiyya, qulqullo, ka jiru jireenna. Ee AABBO, Waaqa kiyyafi jabeenna kiyya, atini gosa Kaldayo fohatte jabeesite, aka worri nu gaargalchu.


Dallansu tiyyaani isani ingaargalchu, deebie Israeli imballeesu. Anini Waaqa, namaaniti. Anini Qulqullicha jiddu teesani jiru. Anini d'ufe isani balleesu imfed'u.


Seera atini namaa kennite hojja ch'ufa waan isaa dubbad'e ded'u ufi d'owa.


Afaani nama d'uga qarooma ch'alla dubbatani, arabi isaaleeni dubbi qajeeltu ch'alla dubbata.


Barsiisa inni si barsiisu fud'ad'i, dubbi isaa garaa keesa keeyad'i.


nami hedduuni isa duraafi duubale yaa, biyyeeni lafaleeni isati mioofti.


Waaqi guddo qaroomafi jabeenna qaba, Eenuti dandae isa dura eje, isaani wo morma?


Worri haga due awaalaniti ingammadu;


Nami tokoleeni ka aka AABBO Waaqa qulqullo injiru; isa male tokoleeni ka nama jabeese qorqoratu injiru.


AABBO Waaqi nama akana kana inaraaramu ammo dallane aka ibida iti bobae, abaarsi kitaaba kana keesati t'aafani ch'ufti isa ira deebie, AABBO Waaqi maqa isaa lafa gubba balleesa.


Atini waan Waaqaani jettu, D'ugefachaani tiyya aabo inqabdu, ammalle anini si durati qulqullo.


Waaqi sila kibe garaa si jabeesu fed'a. Atini maafi teete didda? Nu dubbi laana dansaani siti dubbanne.


Faanti tiyya ejata isa gula deemti, anini kara isa taka ira ingorre.


Gaargala keesale, wonti garaa na jabeesa, kakhu tante ta na jireesitu.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite