11 Ka nama irre inqamne olfuud'e nama bohu gammachiisu Waaquma.
Ammo eegi isani bulti diqo toko gaargaltani, Waaqi eeba ch'ufa, ka aka guddinna Kristo woliini qoodattani isani yaame, isani qit'eese, jabeenna isanii kenne, yayaba jaba isanii mid'aasa.
Ayyaana keesani ka amma beela qabu: isani qufsani! Ayyaana keesani ka amma bootani: eegi tana inuma kofaltani.
Akanaani mukhi lafa keesa jiru ch'ufti aka anini AABBO Waaqa beekha. Nami mukha d'ed'eera mure gabaaba baase d'ed'eereersu anuma. Ammalle anumati mukha doti gogose gogale dotteesa. Nami dubbi tana jed'e ana, AABBO Waaqa. Anini waan jed'u inuma guuta.
Inni hiyyeesa awaara keesaa fuud'e; d'ipata d'ipu keesa baase,
Ammo inni nama d'ipu qabu d'ipu suni keesaa baase, worra isaani daraarse, aka ree lafa ira dabarse.
Haguma jiru jireenna AABBO Waaqi ya isani qorqorate, harki isaa haga duriti ya isani olqabe. Inni nyaapa keesani isani dura gusse, ch'ufa hobaasa isaniini jed'e.
Oboleesi hiyyeesi, yo Waaqi wo kenneefi, ha gammadu;
Waaqi waan jed'u, Anini nama na jaalatu baase nama aka anini AABBO Waaqa beekhu qorqorad'a.
Waaqafi Abba Aabbo keenna Yeso Kristoti galata deebimna! Maro naasu isatiifi inni Yeso Kristo duisa keesaa kaase, jireenna haraa nuu kenne. Wonti kunini abdi jirtu nuu kenniti,
Waaqi nama ufi guddisu diqeese, nama ufi diqeesu baasa.
Inni nama d'uga qabu qorqorate, fulla hayyooti teetu teesise, haga jiru jireenna ulfinna kennaafi.
Hormaata takaa tana atini horattu, yo agarte, ka qara kaani intufatta.