Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Aayubu 36:3 - KITAABA WAAQA

3 Anini guddo wo beekha; anini beekhuma kiyyaani aka Waaqi na uume, Waaqa d'ugaa si garsiisa.

Gade chapit la Kopi




Aayubu 36:3
27 Referans Kwoze  

Ammo qalbiini gubba gadi d'uftu qara qulqullo, ammalle ta nagaya, ta laana, ta nama ch'aqaftu, ta naasufi mid'aani dansa qabdu, ta tuffifi kiyyiba inqamne.


Galati dansaani ka namaa kennanifi ka namaa baasani ch'ufti gubba gadi d'ufa, fulla Waaqa, ka ifsa gubba uume. Inni injijiramu yokhaani garingalu.


Sirba Musa hojattu Waaqatiifi sirba Ilme Hoola sirbu jirani: Aabbo, Waaqa Gudda, wonti atini tolchitu ch'ufti waan mamaati! Karaani kanke ka d'ugaati ammalle qajeela!


Ee AABBO Waaqa keenna, atini badi isani balleesa jette illakimne, wonti akanatiifi waan d'uga tolchita, nuleeni si inch'aqamne.


Atini, ee Aabbo, hojja ch'ufa waan d'uga tolchita ammo nu hojja ch'ufa ch'eera ufitini d'ufna. Nu worri Yuda, ka Yerusalemu, ammalle worri Israeli ka maro worri hamaate si lakiseefi atini lafa ch'ufa keesa firfirsite ch'ufti.


AABBO Waaqi waan tolchu ch'ufa d'ugaani tolcha; waan tahu ch'ufa keesa naasu qaba.


AABBO Waaqi ka d'ugaati, inni waan d'ugaa ka qajeela jaalata. Nami d'ugaafi qajeeluma gula deemu isaa inarga.


Ammo lubbu Waaqa guddati d'ufe qarooma namaa kenna.


Waaqi guddaani d'uga imballeesa? Yokhaani qajeeluma iyyaka?


AABBO Waaqi jaba aka d'akha, ka wonti inni tolchu ch'ufti d'uga. Inni Waaqa d'uga, ka d'ugeefatani, ka qajeelafi d'ugaa tolchu.


Yo nami tokoleeni isani keesa beekha d'abe, ha Waaqa kad'atu, duuba Waaqi naaso, hifacha male waan ch'ufa namaa kenna.


Maani jenna re? Waaqi d'uga imbeekhu? Hiyyo, akasi injennu.


Guyya Mura hayyitiini lafa Sheba olkaate d'aloota kana himatti isiini muumme lafati baate aka qarooma Solomoni ch'aqaftu; ammo kuno, wonti Solomoni ira jira arma jirti.


Ee AABBO Waaqa, yo anini si quufa d'abe si himad'ele, d'ugaani teetuma. Ammo taatule, aka d'ugaani jirtu si gaafachu fed'a. Ch'ubbichi maafi wo horata? Nami hamaani maafi wo argata?


Nu dandeenne Waaqa gudda ind'aqamnu, jabeenna isaa dandeenne iti ind'iaannu; inni nama indabsu, d'uga gula nama qajeelcha.


Ayubuni waan jed'u, Anini ch'ubbu inqabu, ufuma Waaqi d'uga na d'owe male.


Ammo namichi toko, ka Elihu jed'ani, ka d'aatu eju, aka Ayubuni ufi d'ugeese Waaqa himate d'ageennaani, dallansu d'owachu dad'abe. (Elihuni ilma Barakeli, ka worra Buzi, balbalti isaa Ramu.)


Nami dandae Waaqa durati nama d'uga taha? Yokhaani dandae nama isa uume durati qulqullo taha?


Me, diqo obsi, anini Waaqaa dubbad'a, na ch'aqasi.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite