19 Achi keesa nami diqaafi guddaleeni fulluma taka taa, tisseleeni achiti balchuma argatti.
Anini imbeekha, atini duuisati na geesu jirta, fulla nami ch'ufti d'aqu.
Akuma nami ch'ufti maro toko ch'alla due, ammo eegi suni Waaqi nama qoru,
Nafi isaa biyyeeti deebie, hafuuri isaa ka jireennale gara Waaqa ka qara isaa kenneti deebia.
Fulla goodo ch'ufa sodaatte, deemani si d'ibdi. Rifeensi kanke ch'ufti si arrae chochoule dad'abde, d'arraani woi ch'ufti si keesaa hobaati. Yo nami fulla ufi ta haga jiru iti boqotu d'aqu, olla keesa guddo isaa bohani.
Nami tokoleeni ka dandae duu ufi d'owe guyya isaa dabarfatu injiru. Sunini woraana, nu nami tokoleeni dandae duraa imbaane; nu diqole duraa ufi baasu indandeennu.
Diqaafi gudda, dureesafi hiyyeesa, wolumaani ch'aqasa.
Achi keesati worri hid'aansa keesa jiruleeni gammade, iyyana nama worra hojachiisu jalaa baha.
Nama ufiftu gaargala keesa jiru maafi deemanini? Nama d'ipu deesa jiru maafi ifsa iti kennani?
nami hedduuni isa duraafi duubale yaa, biyyeeni lafaleeni isati mioofti.
Ammo nami ch'ufti akuma taka due awaalani raamooni nyaati.