Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Aayubu 3:13 - KITAABA WAAQA

13 Ato gaafasi due, amma sila ya hafuura baafad'e.

Gade chapit la Kopi




Aayubu 3:13
22 Referans Kwoze  

Waan hojattu ch'ufati jabaad'i, wonti akanatiifi fulla dua ta worra gadi, ta atini iti deemtu, huji, herega, beekha, yokhaani qaroomileeni tokoleeni injiru.


Nami gari ato fayyaafi jabeenna qabu, quufafi gammada keesa dua, ka nafi isaa gabbinna qabu.


Worri nagayaani tae, gaargala male due, fulla ekheraa d'aqa.


Anumati ila tiyyaani isa arga, nama d'ibiiniti. Waan isani, Nu akamiini isa gaargalchiine jettanifi garaani na laafe. Isani waan naani haalattani barbaadani.


Abdiini tiyya fulluma ekhera ch'alla, fulla anini gach'iise dukana keesa rafu.


ta dukanti isii sipeeni gaandidoofte nama wo gassitu, ta ifsaani isiileeni ch'ufti dukana fakaatu.


atini maanifi ch'ubbu tiyya na inaraaramne, yokhaani wolaalla kiyya biraa naa indeemne? D'iotu na awaalani, atini na barbaada, ammo na ingartu.


Haati tiyya maafi ufira na teesifte? Isiini maafi harma na hoosifte?


Anini d'iotu deema, deebie gadi indeebiu. Lafti anini deemu sunini bolgodu dukanooftu,


Atini nama dabsate haga jiru jireenna balleesite, fuula isale yakite ufi biraa gussita.


Ganni kiyya ya gabaabate, anini yayu fulla d'uga d'aqu gahe.


Anini imbeekha, aka nami naa kalchu gubbaa jiru, ammalle aka inni guyya muumme d'ufe naa dubbatu.


Ammo nami ch'ufti akuma taka due awaalani raamooni nyaati.


Akuma wonti qabanooftuuni hojja aduuni owite bat'u akasuma ch'ubbichi due lafa iraa bada.


Haati isaaleeni deebite isa inqaabatu; raamooni isa nyaate, inni akuma mukhaa qaarie bada.


Ekheraani bisaani lafa jala keesa jirtu holate,


fullaani Ekheraani teetu Waaqa durati imbanamti; wonti tokoleeni ka fulla ekheraa suni Waaqa d'ossa injirtu.


Dukanti sipeeni, ta ch'ubbicha Waaqa dura d'ossitu, injirtu.


Worri kunini awaala dansa ka aka jannooti duri argate kaani, inarganne. Worra suni miha worraa ka duula kaani woliini awaalani, goraade mata jala naqani wonte worrale iti gogombisani. Jari jannooti kunini gaafa jiru guddo nama mudamsiise.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite