9 Inni goobana dumansaani d'osse,
Dumansaafi dukanti isa marsiti; inni d'ugaafi qajeelumani lafa fida.
Jaldooni dumansa lafa argu isa d'owarti, ka inni jiddu lafafi gubba deemu.
Jennaani Solomonini Waaqa kad'ate waan jed'e, Ee AABBO Waaqa, atini adu guba keete, ammo dumansaafi dukana fohate keesati galta.
Nami tokoleeni si woliini ind'ufini; nama tokole d'aatu gaarati inargini, ammalle loonifi reeleeni tokoleeni fulla hunda gaara inooliini.
Duuba biyyiti fago ejaanjite, ammo Musani dukana sipe taani fulla Waaqi jiruti deeme.
Nami indoone isa ch'alla; inni ifsa nami iti d'ufu indandeenne keesa taa. Nami tokoleeni taka isa ingarre, tokoleeni dandae isa inargu. Ulfinnafi jabeenni ka isaa tahinna, haga hegeri! Amini.
Waaqi dumansa gumi isaa ira kaye halkanile ibida ifsa worraa tahu kenneefi.