9 Waaqi mana worraa imballeesu, worri soda womatu inqabu.
Worri aka nama d'ibi gaargala inqabu aka biyyale ind'ipatu.
Ee Waaqa, ule naani d'aantu tana naraa fuud'i! Mudamsu tante tana naraa balleesi.
Worra yoosu balleesani, muummeeni worraaleeni hamtu.
Gama ch'ufa waan isa mudamsiisuti isa eegate, fulla inni deemu ch'ufa gula deema.
Qonqooni nama mudamsiiftu gurra isaa duuchite, hojja inni lafa nagaya sehu shiftani isa haati.
Ammo shiftaafi nami Waaqa imbeenne nagayaani taa, ato Waaqi worraa irre worraa taatele.
Koromini worraa bara ch'ufa goobde, looni worraleeni, ka insaleesine, aka dansa d'alani.
anini maro ch'ubbu worraatifi worra uleeni d'aane, maro wollaala isaanitifi worra lichooni gaargalcha.