8 Waaqi yayu kara nati hid'e, anini dandae indabru; inni ya kara kiyya dukana keesati d'osse.
Waaqi maafi nama karaani iti hid'ame lafti iti duufate jireenna kennaafi?
Inni sansalatani na hid'e aka nama qabani ka abdi baqatuni inqamne na tolche.
Ato anini daaqa deemu, naaboni d'akhaani jaarani na marsite deemu na d'owarte.
Atini yayu jaalani tiyya na biraa fuute, worra na jibbisifte. Anini ya haada seene, dandae imbaqad'u;
Tanaafi anini amma dallaa qoraati iti jaare, d'akhaani marse jaare deemu d'owa.
Ammo karaani worra hama dukana aka halkaniti, ka nami keesati jigu waan isa buusu imbeenne.
Yesoni ammalle dubbate waan worraani jed'e, Anini ifsa lafaati. Nami na gula d'ufu dukana keesa indeemu, ammo ifsa jireennaa argata.
Daandini worri gula yau worra jalaa much'uch'ate, lafti worrati dukanoofti; anini worra gufachiise worra buusa. Anini badi worratiini d'ufa, guyyaani worra gaargalchani ya gahe. Nami dubbi tana jed'e ana, AABBO Waaqa.
AABBO Waaqa keesani guddisa, ato inni dukanaani d'ufe gaareeniti isani ingugufachiimne; ammalle ato inni ifsa isani abdatani dukana sipe intolchine.
Isani keesaa nami AABBO Waaqa sodaate dubbi hojatu isaa saalfatu, ka ifsa male dukanaani deemu, ka maqa AABBO Waaqa abdate, Waaqa ufi d'aabbatu eenu?
Hojja anini waan dansa barbaade, waan hamtu argad'e; hojja anini ifsa eegad'e dukanati nati d'ufe.
Jennaani ababooti teesani AABBO Waaqati boonnani inni jiddu worraatifi worra Misiri dukana kaye, bisaani galaana worra Misiri ira deebise. Isanileeni waan suni ya argitani. Isani lafa aloo ta gamooji ganna heddu teetani.
Nami na sodaachise sunini dukanaaniti, Waaqa — ato dukanti ila na d'owartele.
Inni na qabe gaargalafi d'ipu hamtu keesa na buuse.
Gumiini waan jettu, d'ugaani nuti ind'iaatu, nuraa fago jirti; nu ifsa barbaanna ammo dukana ch'alla argina.
Isiini aka nami mid'aani, daad'i, d'ad'a, ammalle qarsifi worqi worri kad'acha waaqa Baali jed'ani suni baasu isii kenne, ana inhubbanne.