Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Aayubu 12:10 - KITAABA WAAQA

10 Jireenni waan lubbu qabati ch'ufti harka isaa keesa jira, hafuuri namaaleeni isa iraa baha.

Gade chapit la Kopi




Aayubu 12:10
17 Referans Kwoze  

akuma nami toko jed'e, Nu isa keesa yaane teteenne jireenna arganna. Akuma namichi keesani toko sirba keesa jed'e, nu ijoolle isaati.


Lubbuuni Waaqa na uumte, hafuuri Waaqa gudda jireenna naa kenne.


Yokhaani harki nama isa inyaachisu, aka waan inni wo fed'u. Wonti akanatiifi inni jireennafi hafuura nama ch'ufaa kenna.


Ammo Musafi Harunini lafati gajejed'ani waan jed'ani, Ee Waaqa, ka lubbu nama ch'ufa harkaa qabdu, hojja nami toko ch'ubbu tolche atini gumi ch'ufati dallanta?


haga Waaqi hafuura na keesaa infuud'ini,


Atini Waaqa gubbati wollaalte, muduunufi qori mana isaa guurte d'ufteeni, duuba siifi jara kanke gugurdafi nad'eeni teetifi gaarayooti tanteleni daad'iini d'uddani, waaqa worqifi qarsifi sibiila diimafi sibiila guraachafi mukhaafi d'akhaani mid'aasani faarsitani — waaqa woma ingarre, ka woma ind'ageenne, yokhaani ka woma imbeenne. Ammo atini Waaqa duafi jireenna kanketifi ammalle waan atini tolchitu ch'ufa harkaa qabu guddisu didde.


Atini dudda iti gaargalaani worri sodaate; atini hafuura keesa funnaani worri due biyye keesaa baheeti deebia.


Jennaani AABBO Waaqi biyye lafa iraa fuud'e nama tolche, hafuura jireennaa funaaniti afuufe, nami suni sunumaani jiraate lubbu argate.


Nafi nafa d'ala, Lubbuuni lubbu d'alti.


Duuba anini bokaya guddaani d'ufa, aka lolaani lafati fach'ae waan lubbu qaba ka lafa jira ch'ufa balleesu. Wonti lafa gubbaa jira ch'ufti indooti,


Nami Waaqa imbeenne, yo Waaqi lubbu iraa baase, abdiini isaa maani?


Anini waan kana ch'ufa guddo herege jennaani aka wonti nami qaroofi qajeelani tolchufi jaalalaafi jibbi worraleeni Waaqa iraa d'uftu arge. Nami tokoleeni ka waan iti deemu beekhu injiru.


Waaqi gubba uume ballise, lafafi waan keesa jirale ch'ufa mid'aase, hafuura jireenna nama keesa tau ch'ufaa kenne, Duuba ammatana AABBO Waaqi waan hojatu isaatini jed'u,


Hafuura keetiini worri uumame; atini jireenna haaraa lafaa kennita.


Anini duri gumi tiyya jireese duuba deebie worra inhimad'u, yokhaani haga jiru jireenna iti indallanu.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite